Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masriin, Itiyoophiyaan Sababa Hidha Laga Abbayyaan Miidhaa Geessisaa Jirti Jechuun Himatte 


Faayilii-Hidha Laga Abbayyaa
Faayilii-Hidha Laga Abbayyaa

Itiyoophiyaan, Masriin Waliigaltee Labsii Qajeelfamoota Hidha laga Abbayyaa guddicha Itiyoophiyaa kan Bitootessa 23 bara 2015 Itiyoophiyaa, Masrii fi Sudaan gidduutti mallatteeffame cabsite jechuun himatte.

Himannaan Itiyoophiyaan kun yaada ministeera haajaa alaa Masrii Saameh Shoukrii dhiyeessan jedhametti aansuun turei.

Itoophiyaan sababa Hidha hidha laga Abbayyaatiin miidhaa guddaan Masrii fi dantaa Sudaan irratti akka hin geenye mirkaneeffachuu yoo dadhabde mootummaan Masrii dantaa ummata isaa ni kabachiisa jechuun toorri interneetii Alhraam ministeera haajaa alaa wabeeffachuun gabaaseera.

Dippilomaatii olaanaa Masrii gita isaanii kan Keeniyaa Alfreed Muuwaa waliin ta’uun Kaayirootti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Itiyoophiyaan karoora hidhicha ijaaruu fi marsaa 4ffaa bishaaniin guutuuf gama tokko qofaan raawwachuuf qabdu fuulduratti tarkaanfachaa jirti jechuun himataniiru.

Itoophiyaan doorsisni akkanaa Chaartara Tokkummaa mootummootaa fi seera heera Gamtaa Afrikaa ifatti cabsuu ta’uu ibsiteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa, qaamotni dhimmi ilaallatu hundi, Masriin qajeeltoowwan hariiroo sadarkaa addunyaa ifatti cabsuu ishee akka hubatan waamicha dhiyeessaa, akkasumas fedhii kamiyyuu doorsisa fi sodaachisaan tarkaanfachiisuu akka hin dandeenyen hubachiisa jechuu dhaan Ministeerri haajaa alaa Itiyoophiyaa Ibsi baaseen beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG