Naannoo Kibba Itiyoophiyaa aanaa addaa Amaaroo keessaa uummati 140,000 ol gargaarsi yeroo hatattamaa kan isa barbaachisu ta’uu angawoonni naannoo ibsanii jiran. Bulchaan ol aanaa aanaa aaddaa sanaa Waganee Buzuneeh VOAf akka ibsanitti, hongee mudate hordofee beeladaaleen 3,500 ol dhumaniiru jedhan.
Jarmayaan qindeessa gargaarsaa kan Tokkummaa mootummootaa OCHAn akka jedhetti, naannoolee bahaa fi kibba Itiyoophiyaa hongee hamaa dhaan miidhaman keessa kanneen jiran ummata saaxilamoo ta’an irra caalaa isaanii deeggaruuf akkasumas deebii michoonni gargaarsa namoomaa kennan guddisuuf maallaqni dabalataa hatattamaan barbaachisaa dha.
Ministirri haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antoonii Blinken Roobii kaleessaa deeggarsa nyaataa fi gargaarsa namoomaa hatattamaaf kan oolu doolaara miiliyoona 331 dabalataa lammiilee Itiyoophiyaa walitti bu’iinsaa fi hongee dhaan miidhaman kanneen miliyoonaan lakkaa’aman dhaqqabuuf oolu ka gumaachamu ta’uu beeksisaniiru.
Forum