Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministiriin Haajaa Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Afriikaa Waaltaaf Deggersa Doolaara Miliyoona $150 Akka Kennamu Beeksisan 


Ministrii Haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinkenii fi Ministrii dhimma alaa Niijer Hassoumii Massouduu
Bitootessa 16, bara 2023.
Ministrii Haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinkenii fi Ministrii dhimma alaa Niijer Hassoumii Massouduu Bitootessa 16, bara 2023.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antony Blinken Kamisa darbe gargaarsa namoomaa haaraa gara doolaara miiliyoona 150tti hedamu kan Afrikaa Dhihaa fi Giddugaleessaa keessa fedhii jiru kan sababaa tasgabbii dhabuu naannootiin uumame guutuuf gargaaru kan gumaachamu ta’uu beeksisaniiru.

Blinken yaada kana kan kennan Ministira Dhimma Alaa Niijer Hassoumi Massoudou waliin ta’uu dhaan gaazexeessitootaaf ibsa kan kennan yoo ta’u kennan yoo ta’u Daawwannaan isaanii kun kan Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis gara biyyattiitti taasise kan jalqabaa ti.

Blinken haasaa baniinsaa isaanii irratti gargaarsi namoomaa kun bakka jireenyaa, nyaata, bishaan dhugaatii qulqulluu fi qulqullina naannoo kan oolu yoo ta'u, baqattoota saaxilamoo ta'anii fi koolu galtoota gara Niijaritti baqatan kan deeggaru ta'uu dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis arjummaa Niijer fi ummanni ishee buqqaatota hedduu dhaaf qabdu ajaa'iba jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG