Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Yunaayitid Isteetis Afriikaa Dhiyaatti Loltootaaf Leenjii Waraanaa Haaraa Kan Naannoo Andaara Galaanaa Kennuu Jalqaban  


U.S. military conducts first maritime drill
U.S. military conducts first maritime drill

Loltoonni, Ivorii Koost, Naayijeeriyaa fi Gaanaa irraa ta’an, torban darbe keessa shaakala yeroo jalqabaaf waraana Ameerikaatiin qophaa’e irratti hirmaachaa turan. Sagantaan shaakala waraanaau kan dandeettii humnoota Afrikaa Dhihaa cimsuu irratti fuuleffatee ti. Kaka’umsi kun babal’ateera ka jedhan ajajaan hojii addaa Afriikaa kan Yunaayitid Isteetis Admiiral Milton Saands, kunis biyyoonni andaara galaanaa jiran balaa kara galaanaa dhufu akka dandamatan gargaaruuf jecha.

Shiftummaan galaana irraa dhimma dhugaa Galoo Galaana Giinii keessa- tti mul'atu dha. Inni biraa immoo qurxummii seeraan ala qabuu kan qajeelfama hin qabnee fi hayyama malee geggeessamu dha. Kanaafuu biyyooni adda addaa qurxummii as keessaa qabatanii, dhugumatti qabeenyaa asii baasuu dhaan, qurxummii fi protiinii andaara galaana Afriikaa dhiyaa irraa eeyama malee ennaa walitti qabatan argina jedhan Sands.

Sands itti dabaluu dhaan qurxummii seeraan alaa qabachuun naannicha madda nyaataa ijoo saamuu qofa osoo hin taane, dawaa sammuu namaa hadoochuu fi seeraan ala nama deddeebisuu dabalatee sochiiwwan yakka biroo kan hammeessu ta’uu ibsaniiru. Ajajaan Ajaja Leenjii Galaana Gaanaa, Koomodoor Godwin Livinus Bessing, rakkoo bidiruuwwan biyya alaa bishaan Gaanaa keessaa qabeenyaa hatan furuuf tattaaffiin taasifamaa ture hanqina qabeenyaatiin gufatee ture jedhu.

Doonii gahaa achi keessaa utuu qabaanne ta’e akkasumas bakka sana hordofaa akka jirru osoo beekanii haala jiru to’achuu dandeenya turre jedhan. Shaakalli waraanaa kun kan raawwatame yeroo Yunaayitid Isteetis Afrikaa keessatti dhiibbaa Chaayinaa fi Raashiyaan ardii kana irratti qaban qolachuuf yaalaa jirtutti.

Akka gabaasa bara 2022 kan Tumsa Iftoomina Faayinaansii dhaabbilee kan mootummaa hin ta’iniitti, seeraan alaa, kan hin gabaafamnee fi kan hin to’atamne, andaara galaanaa Afrikaa Dhihaa irraai qurxummii qabamu waggaatti tilmaama doolaara biiliyoona 9.4 maallaqaa seeraan maddisiisa.

Gabaasni kun akka jedhutti biyyoota kurnan naannichatti qurxummii eeyyamaa fi seeraan ala qabuu irratti hirmaatan keessaa saddeet Chaayinaa keessaa yoo ta’an, dooniiwwan hunda keessaa harki sadii alaabaa Chaayinaa kan of irraa qaban ta’uu ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG