Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Senegaal Keessaa Ennaa Hogganaan Garee Mormituu Gara Mana Murtiitti Geessaman Ka’e Gara Hookkaraatti Jijjiirame 


Protesters pushed parked cars onto streets to be used as roadblocks in Dakar, Senegal, March 16, 2023.
Protesters pushed parked cars onto streets to be used as roadblocks in Dakar, Senegal, March 16, 2023.

Poolisiin mormitoota waliin walitti bu’uun isaatiin Kamisa kaleessaa aarri fi gaaziin imimmaansu gara samii Daakaaritti ol ba’e. Magaalaa guddoo Senegaal keessatti hogganaan mormituu Ousmaane Sonkoo himannaa maqaa balleessii jedhamuun yakka ilaalchaaf ennaa dhiyaacuuf jiranitti, jeequmsi guyyaa sadaffaa itti fufee jira.

Mormitoonni dhibbaan lakkaa'aman ennaa poolisiin naannoo sana marsee jirutti konkolaataa Sonkoo gara mana murtii geessu utti naanna’anii turan. Poollisiin gaazii imimmaansuun jamaa wal ga’e osoo hin bittinneesin dura, Sonkooon ergaa dabarsuuf konkolaataa keessaa ba'an.

Isaanis, Poolisiin akkan hin sochoone na dhorkaa jira. Dhaddacha kootti akkan hin geenye kan na dhorke poolisii dha. Kun Senegaal . Fuulli Senegaal mootummaa abbaa irree Maakii, ukkaamsaa poolisii ti jechuu dhaan prezidaant Maakii Saalii tuqanii jiran.

Dubbi himaan poolisii himannaa kana ilaalchise battala yaada hin kennine.

Sall filannoo bara dhufu gaggeeffamu irratti marsaa sadaffaa heera mootummaa faallessuf dorgomuu fi dhiisuu isaanii ibsuu diduun, lammiilee Senegaal hedduu aarsee jira. Bulchiinsi isaaniis utuu adda hin baasiin nama hidhuu fi sagalee mormii ukkaamsuu dhaan bal’inaan himatamaa ture.

Mootummaan Senegaal mormitoota ari’achuu ykn dimokiraasii irraa fagaachuu ni haale. Sonkoon ministeera turizimii Mame Mbaayee Niyaang malaammaltummaan himachuu isaaniitiin himannaan maqaa balleessii irratti dhiyeesse.

Sonkoon himannaa adda addaa humnaan gudeeddii dabalatee kan irratti dhiyaate yoo ta’u, deeggartoonni isaa kun pirezidaantummaaf akka hin dorgomneef oduu uumamee dubbatame Sonko himannaa irratti dhiyaate hunda ni haalan. Waggaa tokko dura hidhamuun isaaanii jeequmsi torban tokkoof ka'ee lubbuu namoota 14 galaafate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG