Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Mootummaa Ce’umsaa Dhaabuuf Beellamnii Qabamee


FAAYILII - Dubbi himaan paartilee lamaan bakka bu’an Khaalid Omaar tanaan dura Rooyers wajjin gaafii fi deebii yeroo geggeessan, Kaarum, Sudaan, AmajjII 31, 2022.

Looltoonni waraanaa fi humnoonni dimokiraasii deggeran kan Sudaan Ebla 11 mootummaa ce’umsaa haaraa ka siiviilii hoogganamu hundeessuun akka jalqaban dhaadatan jechuun, dubbi himaan paartilee lamaan bakka bu’an Khaalid Omar Dilbata kaleessaa ibsaniiru.

Khaalid Omar ibsa gaazexeessitootaaf kennan kan dhaabbata oduu mootummaa Sudaan SUNAAn tamsaasamee irratti haasawa dhageesisaniin, waliigaltee siyaasaa isa xumuraa, jalqaba baatii Muddee darbe irratti tolfamee, Ebla 1 ni mallattaa’a jedhan. Heerri ce'umsaa haaraan guyyoota sana booda jiran keessatti ni mallattaa'a jedhan.

Sudaan fonqolcha mootummaa waraanaa kan, Jeneraal Abdel-Fattah Burhaniin durfamu, Onkoloolessa bara 2021 mootummaa biyyoota dhihaatiin deeggaramu aangoo irraa kaasuun, ce’umsa yeroo gabaabaaf gara dimokiraasiitti taasifte erga dhaabsisee booda, biyyattiin jeequmsa keessa galtee jirti.

Fonqoolchi kun kan dhufe, fincilli ummataa Ebla bara 2019 keessa ta’een Omar al-Bashir fi mootummaan Islaamummaa isaanii aangoo irraa akka kaafaman erga dirqisiisee waggaa lama caalaa booda.

Ebla 11 dhufu kana dhaabbilee qaamolee ce'umsaa ijaaruu ni jalqabna, jedhan Omar.

Dhaabbileen siyaasaa adda addaa kan sudaan Waadaa waliigalteewwan baatii Muddee keessa galan hojii irra akka oolchniif dhiibbaan taasifamaa jira. Haaromsa damee nageenyaa fi haqaa ce'umsaa dabalatee dhimmoonni siyaasaa biyyattii dbalatee hedduun furmaata hin arganne.

Koreen namoota 11 of keessaa qabu kan hoggantoota deggertoota dimokiraasii sagal, raayyaa ittisa biyyaa irraa 1, kaan ammoo Humnoota Deeggarsa Saffisaa irraa of keessaa qabu waliigaltee dhumaa akka tolfatan itti kennameera jedhan Omar.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG