Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Lakkoobsa Waraanaa fi Polisii Qabdu Dabaluuf Jirti


FAAYILII - Loltoota naannoo Hoteela Hayaat eegaa jiran, ,Moqaadishoo, Somaaliyaa, Hagayya 20, 2022.
FAAYILII - Loltoota naannoo Hoteela Hayaat eegaa jiran, ,Moqaadishoo, Somaaliyaa, Hagayya 20, 2022.

Humnoonni Gamtaa Afrikaa dhuma bara dhufuutti Somaaliyaa gadhiisanii waan deemaniif jecha, gaaffii nageenyaa guutuuf lakkoofsi humnoota hidhatee fi poolisoota dabaluuf hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo ka biyyatti waliigalaniiru.

Hoggantoonni kun lakkoofsi humna waraanaa biyyoolessaa yoo xiqqaate kuma 30 fi poolisii yoo xiqqaate kuma 40 akka ta’u waliigaluu isaanii oduu RSA argate ni mul’isa.

Waliigaltee “Arkiteekchara Nageenya Biyyoolessaa” jedhamuun beekamu kun torbee darbe Muummee Ministeeraa Hamzaa Abdii Baarree fi hoggantoonni kutaalee miseensa federaalaa ta’an mallatteessaniin lakkoofsi humna waraanaa haaraan kun humna galaanaa, humna qilleensaa fi kutaalee jajjabee ykn komandoo addaa Ameerikaa fi Tarkiitu leenjisuuf jira.

Waliigalteen ammaa kun waliigaltee bara 2017 hoggantoota Somaaliyaa gidduutti taasifame kan fooyyessuu yoo ta’u, Umriin dursee waraanaaf galmaa'uuf 18 yoo ta'u 62 ammoo umrii soorataa haaraa ta'e jira.

Waliigaltee haaraan kun lakkoofsi humnootii polisii eegumsaa mana hidhaa fi ka biro barbaachisan 5,300 akka ta’us hayyama kan kenne yoo ta’u, Kunis eegdota federaalaa 4,500 fi eegdota mana hidhaa 800 of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG