Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Kibbaa Keessatti Poliisonni Heedduun Bobbaafamnii Jiru


Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaa (SANDF) Gamoo Gamtaa keessatti , Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa Bitootessa 20, 2023.
Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Afrikaa Kibbaa (SANDF) Gamoo Gamtaa keessatti , Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa Bitootessa 20, 2023.

Afrikaan Kibbaa keessatti dhaabni bitaa leellisuu waan hundi akka cuufamuueega gaafatee booda, biyyattiin jeequmsi waggoota lama dura lubbuu namaa galaafate irra deebi'ee akka ka'u sodaa uumee jira.

Paartiin Qabsaa’ota Bilisummaa Diinagdee jedhamu kun, dinagdee Afrikaa Kibbaa rakkoon isa mudatee, hanqina humna ibsaa fi hoji dhabdummaa haala itti hammaateef Raamaafoosaan akka aangoo gadhiisan gaafachaa jira.

Angawoonni biyyatti akka jedhanti, waan hokkara uumamuu danda’u kamiyyuu furuuf poolisiin ciminaam bobbaafamuu himan.Kunis erga paartii guddichii inni sadaffaa, Qabsaa’ota Bilisummaa Diinagdee jedhamu, lammiileen Afrikaa Kibbaa daandii irratti bahanii biyyattii akka sochii irraa dhaabbatan dhaamaniiru.

Pirezidaantiiin biyyatti qaamolee seera kabachiisan qajeelfama kennaniin, waan bara 2021tti argine sana irra deddeebiin arguun nu hin barbaachisu jedhaN. Kanas, Dubbi himaan pirezidaantii Siiriil Raamaafoosaatu Dilbata kaleessaa ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin himanii jiru.

Lammiileen jireenya guyya guyyaa akka gaggeessuu danda’an mirkaneessuuf akkasumas, nagaa akka qabaniifis hokkara bifa kamiinuu akka isaan hin mudanne gochuuf Mootummaan itti gaafatamummaa qaba jedhan.

Baatii Adooleessa bara 2021 keessa pirezidaantii duraanii Jaakoob Zuumaa hidhamuu isaaniitiin kan ka’e jeequmsaa fi saamichaatti kan kaasee yoo ta’u, yoo xiqqaate namoonni 350 ajjeefamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG