Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa Keessatti Hiriira Mormiitonni Waaman Irratti Polisoonni Gaaza Himiimaansu Gargaaraman


Keniyaa keessatti hiriira mormiitonni irratti polisoonni gaaza himiimaansu fayyadame, Naayiroobii, Keeniyaa Bitootessa 20, 2023.
Keniyaa keessatti hiriira mormiitonni irratti polisoonni gaaza himiimaansu fayyadame, Naayiroobii, Keeniyaa Bitootessa 20, 2023.

Qaala’iinsa jireenyaa mormuun namoota Naayroobii keessatti har’a hiriiran Poolisiin bittineesuuf Gaaza himiimaansu gargaaramee jira.

Mootummaan prezidaant Wiliyaam Ruutoo hiriira kana irratti ejjennoo cimaa akka fudhatu dhaadateera.

Hogganaan mormituu Raayilaa Odingaan hayyama poolisii argachuu baatanis mormiin itti fufa jechuun dhaadatan.

Hiriirtonni waajjiraalee mootummaa magaalaa galama mootummaa biyyattii ala irraa, poolisii irratti dhagaa kan darbatan yoo ta’u, miseensota paarlaamaa kan ta’an mormitoota lama dabalatee namoonni gara kudhan lama ta’an to’annoo jala ooluu isaanii oduu gabaastonni bakka sanatti argaman himaniiru.

Hanga gaaziin imimmaansu fixaniitti as turra, jedhan mormitoota keessaa tokko.

Naannoo jireenyaa guddaa Naayiroobii Kibera jedhamu tokko keessattis hiriirtoonni gommaa konkolaataa gubuu isaanii gaazexeessitoonni gabaasanii jiru.

Filannoo bara darbe Ruutoon sagalee walitti dhiyeenya qabuun injiifatan sana, Odingaan Dilbata kaleessaa deeggartootaaf akka himanitti, “Lammiileen Keeniyaa baay’inaan as ba’anii waan biyya keenya keessatti ta’aa jiruuf mufannaa akka agarsiisan nan barbaada” jedhan.

Lammiiwwan Keeniyaa gatiin wantoota bu’uura ta’anii dabaluudhaan rakkachaa jiru, akkasumas shilingiin biyya keessaa doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu haalaan gadi bu’uu fi caamnii haala ammaan dura ta’ee hin beekneen hammaachuun namoonni miliyoonaan lakkaa’aman beela’uu isaaniitiin rakkachaa jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG