Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaa Keessatti Mormii Kaleessa Taasisameen Wal-Qabatee Namoonni 200 Ol Hidhaman  


Mormii qaala’insa jireenyaatiin walqabatee keleesaa Naayiroobiitti geggeeffame, Bitootessa 20, 2023.
Mormii qaala’insa jireenyaatiin walqabatee keleesaa Naayiroobiitti geggeeffame, Bitootessa 20, 2023.

Mormiin qaala’insa jireenyaatiin walqabatee wixata keleesaa magaala Naayiroobii fi kutaawwan biyyatti adda addaa keessatti taasifamee waamichaa hogganaa paarti mormitootaa fi nama prezidaantumaa biyyatiif dorgomanii turan Raayilaa Odiingaa irraa dhihaateef deebii kenname akka ta’e ibsameera.

Hiriira mormichaa bittineesuuf poolisoonni gaazii nama imimanessu fi bishaan kan Fayyad aman yemuu ta’u mormitoonni gamma isaaniitiin dhkaa darbachaa fi gommaa konkolataa gubaa akka turan gabaasameera.

Ergaa prezidaant Wiliyaam Ruuttoo aangoo qabatanii ji’a jahaa as isa cimaadhaa mormii jedhame Kanaan magaalaa Naayiroobii keessatti namoonii 213 hidhamanii Poolisoonii 24 madaa’uu isaanii kuta poolisii biyyatti irra Jaafeet Koomee ibsaniiru.

Magaala gara lixa keeniiyaatti argamuu fi Nyaanzaa jedhamu keessatti namoonni 25 hidhamanii poolisoonii Torbaa akka madaa’an dabalataan ibsameeraa.

Magaalaa Naayiroobii keessatti miseensonni Paarlamaa Afuris hidhamuu isaanii Dubii himaan Raayilaa Odiingaa Deenis Onyaangoo oduu gabaastotttai himaniiru.

Morimii Kanaan walqabatee magaalaa garaa lixa biyyatti argamuu Maaseenoo keessatti walti bu’iinsaa umameen Poolisoonni dhukaasaa bananiin barataan yuniverstii tokkoo ajjeefamuu isaa dhaabbanni maddeewan oduu Rooyitersi fi AFP gabaasaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG