Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Sanbata Dabre Naayijeriyaa Keessatti Deemsisameen Wal-Qabatee Hookkarri Leegos Keessatti Ka'e Lubbuu Galaafachuun Himame  


Namoota ba'ii filannoo dhageenyan gammachuu ibsatan, Bitootessa 18, 2023.
Namoota ba'ii filannoo dhageenyan gammachuu ibsatan, Bitootessa 18, 2023.

Fiilannoo Naajeeriyaa sanbataa dheengaddaa raawatameen walqabatee hokkorri lubuu namaa galaafateefi adeemsaa filannoo irratti dhiibaa taasise keessumaa, magaalaa Legos keessatti raawwachuu isaa wareen filannoo taajabaa turaanii fi gareewan mirga namoomaa ibsanii jiru.

Magaala gudicha biyyatii Legosiin dabalatee hamma ammaatti kutaawwan 12 keessatti bu’iin filannoo addan bahee beekamuu isaa komisiiniin filaannoo biyyaleesaa yemmuu ibsaa jiru kanatti, madeewwan oduu Naajeriyaa sababa hokkoraa kanaatiin kan ka’ee namoonii 21 du’anii heduun akka madaa’an gabaasanii jiru.

Kutaa kibbaa bahaa Najeriyaa Imoo keessatti immoo haanga’ootaa filannoo butamanii fudhataman 17 baraaruu isaa polisiin biyyatti beeksisee jira.

Dhaabanni mirga namoomaa Aminestii Internaashinaal, gochhaa ajjeechaa namoottan irratti raawwate balaaleffatee, Miidiyaaleen hawwasumma hokkorichii akka babaldhatuu gahee taphachuu isaa ibsee jira.

Dhaabilen miidiyaa hawaasummaa kan akka Tiwuutar, Meetaa fi WaatsAp qabiyyee jibiinsaa of keessaa qaban akka cacalauu isaan irra jiru kan gaafatee Aminesti internaashinaal, haanga’oonni mootummaa wareen hokkorichaa babaldhisuu keessa haraka qaban akka addaan baasanii adaban gaafatee jira.

Haalaa hokkora Kanaan walqabatee Kutaan bulchiinsaa Kaanoo, Lixa aduutii amma baha aduutii uguura sochii kan labsee yemuu ta’uu, ministirri odeeffannoo mootummaa najeeriyaa Laa’ii Mohaamed ergaa kutaa biyyatti kibbaa bahaa Kiwaaraa keessatti sagalee kennanii boodaa filanichii seenaa biyyatti yeroo dhiheenyaa keessatti isaa ammanamaadhaa jechuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG