Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen Yaman Keessatti Wal-waraanaa Turan Hidhamtoota 900 Tahan Wal-Jijjiiruuf Waliigalan, Jetti Yunaayitid Isteetis 


FAAYILII - Loltoota garee Yamaan Sawudiidhan deeggaramuu, Marib, Yaman, Waxabajji 20, 2021.
FAAYILII - Loltoota garee Yamaan Sawudiidhan deeggaramuu, Marib, Yaman, Waxabajji 20, 2021.

Yemen keessatti gareewwan wal waraanaa jiran wal jijjiraa hidhamtoota 900 ta’an taasisudhaaf waligaltee irraa gahuu isaanii Yunaayited Isteets simachuun ishee gabasame.

Yementi jiila addaa ministira dhimma alaa yunaayitid Isteets kan ta’an Haans Giraandberg waljijjiraa hidhamtootaa kana ilaalchisee ibsa kennaniin, maatiiwaan yemenootaa dhibbaan lakkawaman jaalawwan isaaniin walarguuddhaaf eeggachaa akka jiran ibsanii, warren walawaraansa irra jiran yemuu hidhamtoota gadi lakiisuudhaaf waadaa galan, waadichi kan lamman isaanii gidduutti taasifame ittu hinta’in ,waadaa lammiilee Yemen yeroo dheeraadhaaf froottan isaani wajjin addaan bahanii turaniif akka ta’e dubbataniiru.

Waligalteen wixataa kaleessaa taasifamee marii guyyoottan 10f biyyaa Swizerlaand keessatti taasifamaa turee boodaa akka ta’e beekameera. Akkaataa waligaltee Kanaan, gareen Huutti inni mootummaa Iraaniin degerama jedhamuu hidhamtootaa 180 kan gadi lakkisuu yemmuu ta’u, mootummaan Yemen inni adduunyaa irratti beekeumasa qabu gama isaatiin hidhamtootaa 700 ol akka gadi lakkisuu Abdulqaadir Il- Murtaazaa hoggaanaan jiilaa garee huttii ibsaniiru.

Yemenitti jiila addaa Yunaayitid Isteets Graandberg, gareewwan lamman gadi lakkisuu hidhamtootaa afanii irratti maryachuudhaaf walakeesaa ji’a Caamsaa keessa wal arguudhaaf karoorfachuu isaanii ibsanii, waldhabdee bara 2014 jalqabee itti fufee jiru furuudhaaf wantii hojatamuu qabu hedduun jiraachuu isaa ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG