Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Nyaata Gatii Malee Afrikaadhaaf Erguudhaaf Qophii Dha, Jedhu Vilaadmiir Puutiin  

Walgahii parlamaa Raashaa fi Afrikaa kan idil addunyaa irratti Vilaadimiir Putiin akka dubbatanitti, waligalteen midhaan nyaataa Yukereeni fi Raashaa irraa karaa galaana gurrachaatiin garaa Afrikaa,Walakeessaa bahaa fi Eeshiyaatti dabarsuu guyyoottan 60f haaromsamee jira.

Wigalteen galaanaa gurrachaa yeroo amma hojii irra jiru dheerachuu hin baanne Raashaan biyyoottan Afrikaatiif kaffaltii malee akka nyaataa dhiheesituu prezidaantiin Raashaa Vladmiir putiin ibsanii jeru.

Walgahii parlamaa Raashaa fi Afrikaa kan idil addunyaa irratti Vilaadimiir Putiin akka dubbatanitti, waligalteen midhaan nyaataa Yukereeni fi Raashaa irraa karaa galaana gurrachaatiin garaa Afrikaa,Walakeessaa bahaa fi Eeshiyaatti dabarsuu guyyoottan 60f haaromsamee jira.

Gareewaan waligaltichaa keessa jiran akka madaaliwwan Raashaan dhiheesite fudhachuu qaban kan gaafatan Putiin, waligaltichi fuula durratti kan itti fufuu danda’u yoo ijjaannoon Raashaa fudhatama argate qofa akka ta’e ibsuun isaanii gabasameera.

Ijjannoon Raashaa fudhatamaa hin argatuu taanaan, guyyaa 60 boodaa akka waligaltichaa keessatti hin hirmaanee kan ibsaan Vilaadimiir Putiin, biyyi isaanii midhaan Afrikaadhaaf barbaachisuu hunda Kaffaltii malee dhihesuudhaaf akka murteessan beeksisaniiru.

Waligalteen karaa galaanaa gurrachaa midhaanii fi xaa’oo dhiheesuu jaarsummaa Mootumootaa gamtomanii fi mootummaa Tarkiintiin kan raawwatee yemmuu ta’u ergaa mallateeffamee as yeroo lammaf haaromsamuun isaa ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG