Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan Dhiittaa Mirga Namaa Itiyoophiyaa Keessaa Jalqabame Akka Itti Fufu Ogeessonni Tokkummaa Mootummootaa Gaafatan 


Ethiopia UN Refugee Chief
Ethiopia UN Refugee Chief

Walitti bu’iinsa suukaneessaa kaaba Itiyoophiyaa keessatti uumame kan xumuru walii galtee nagaa mallatteessuun, yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa raawwatame qorachuu dhaabuuf sababaa akka hin taane tokkummaa mootummootaan kan deggeramu itti gaafatamaan Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa kibxata har’aa beeksisaniiru.

Waliigalteen nagaa Fulbaana bara 2022 mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi finciltoota naannoo Tigraay gidduutti taasifame tarkaanfii barbaachisaa ture jechuu dhaan itti gaafatamaan komiishinichaa Mohaammed Chaandee Otmaan dubbataniiru.

Mana Maree Mirga namaa Tokkummaa mootummootaa duratti dhiyaachuu dhaan, waliigaltee nagaa duras ta'e booda sarbamiinsa mirga namaa raawwatame jedhame qorachuun, mirga namaa guutummaa dhaan kabajuuf akkasumas nagaa waaraa uumuuf yeroo kamiinuu caalaa barbaachisaa dha jechuun cimsanii dubbataniiru.

Komishinichi gabaasa isaa jalqabaa baatii Fulbaana darbe baase keessatti, Sadaasa bara 2020 naannoo kaaba Tigraay keessatti lolli erga ka’ee jalqabee, qaamotii maraan dhiitamiinsa mirga namaa bal’aa kan mul’isu ragaa argachuu isaa ibsee jira. Mootummaan Itiyoophiyaa fi michoonni isaa Eertraa yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa raawwatan duuba akka jiran amanuuf sababaa qabatamaan jiraachuu illee akeekkachiiseera.

Gareen qorannoo namoota sadii of keessaa qabu kun dhuma bara 2021 mana marichaatiin kan uumame yoo ta’u, Fulbaana darbe aangoon isaa waggaa biraaf haaromfamee ture.

Garuu Amnestii Internaashinaal dabalatee dippilomaatonni fi gareewwan mirga namaaf falman hedduun Itoophiyaan qorannoo kana yeroon utuu hin ga’in xumuruuf yaaduun isee mul’achuu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru. kunis qorannoo mana mareen ajajame kanaaf waan kanaan dura hin argamee hin beekne ta’a jedhan.

Garuu yaada murtoo akkanaa osoo hin dhiheessiin dura Itiyoophiyaan carraa yaada isaa fuula duratti tarkaanfachiisuu qabaachuu ishee biyyoota miseensota mana marichaa 47 irraa deeggarsa gahaa akka qabdu mirkaneessuu qabdi.

Biyyoonni, hanga Kamisa torban kanaatti baatii Ebla dhuftu sagaleen itti kennamuuf ka jiru wixinee murteewwanii dhiyeessuu qabu.

Tokkummaa mootummootaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Tseggab Kebebew Daqaa yaada mana marichaaf kennaniin, Komishiniin Ogeessota Mirga namaa kan sadarkaa addunyaa, hanga Fulbaana gabaasa isaa isa dhumaa dhiyeessutti, himannaa dubbii kakaasuu fi bu'uura hin qabne gabaasa isaa duraa keessatti argamu kan waliigaltee nagaa diiguu danda'u irra deebi'ee akka hin dhiheessineef of eeggannoo dabalataa akka godhu gaafannajedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG