Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertiraan Waraanaa Ishee Lola Kaaba Itiyoophiyaa Keessatti Yakka Waraanaa Raaw’achuu Kan Yunaayitid Beeksiste Fudhachuu Diduun Balaaleffatte 


Kaartaa Ertiraa fi galaama Diimaa agarsiisu
Kaartaa Ertiraa fi galaama Diimaa agarsiisu

Eritraan himannaa ministrii haajaa alaa Yunaayitid Isteetsiin irratti dhiyaate mormitee jirti. Walitti bu’iinsa kaaba Itiyoophiyaa waggaa lamaaf geggeessame keessatti humnoonni Eertraa yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa raawwataniiru jechuu dhaan ministriin dhimma alaa wixata darbe himannaan dhiyeesse, ragaa kan hin qabaannee fi qabatamaa kan hin taane jechuu dhaan mootummaan Eertraa kaleessa galgala ibsa baaseen cimsee balaaleffatee jira.

Himannnaa fi yakki Eertraa irratti dhiyaate bulchiinsi Ameerikaa ajandaawwan isaa fiixaan baafachuuf bara 2019 qabee hordofaa kan ture ejjennoo haqa hin qabaannee fi hojii maqa balleessii ti jechuu dhaan mootummaan Eertraa ibsa kanaan beeksiseera.

Kana dura Eertraa irra kan kaa’ame uggura gam tokkoo kan seeraan alaas haa ta’u waggoota lamaan darban TPLFn oolchuuf itti gaafatamummaa jalaa bilisa baasuuf amala mootummaan Ameerikaa agarsiise miidhaa hamaa waraanni sun dhaqqabsiisee itti gaafatamummaa Ameerikaa mul’inatti kan ibsu jedha ibsi sun.

Mootummaan Ameerikaa jiddu seeniinsa seeraan alaa irraa akka of qusatu kan gaafatu ibsi mootummaa Eertraa kun, Itiyoophiyaa, Eertraa fi uummanni naannoo sanaa adda durummaa dhaan bbaa dhimmichaa ta’uu isaaniif rakkoo isaaniis furuuf mirga guutuu fi dandeettii akka qaban Ameerikaan hubachuu qabdi jedhee jira ibsichi.

Ameerikaan dhimma kana irratti himannaa ka dhiyeessituuf murtii kan kennitu sababaan itti taatuuf mirga seeraaf hamilee hin qabdu jechuu dhaan ibsa baaseen mormee jira jechuu dhaan Birhaanee Berihee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG