Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Kibbaa Keessatti Hojii Dhabamuu Ffi Tajaajilli Ibsaa Adda Cituun  Mormii Sochii Dhaabinsaa Guddaa Kakaase 


Hiriirtota Piritooriyaatti mormii bahan, Afrikaa Kibbaa, Bitootessa 20, 20223.
Hiriirtota Piritooriyaatti mormii bahan, Afrikaa Kibbaa, Bitootessa 20, 20223.

Paartiin bilisummaa dinagee, humni ibsaa irra deddeebi’uun adda cituu isaa fi hoji dhabiinsa hamaa mormuu dhaan guutummaan biyyattii akka cufamu waamicha erga dabarsee booda, lammiiwwan Afriikaa hedduun har’a hojii dhiisuun mana oolaniiru.

Poolisiin seera dhablummaa dhaabsisuuf ennaa dhaadatetti guutummaa biyyattii keessaa namoonni 500 olkan hidhaman yoo ta’u, namoonni gara hojii akka hin deemne kan yaalu kamiinuu to’annnaa jala oolchee jira jedha gabaasi Jaan Boornmaan Johaansberg irraa ergame.

Paartii finxaaleyyii walabummaa dinageen waamichi taasisamee fi akkaan eegamaa ture sun hookkara xiqqoo fi namoonni 550 ta’an to’annaa jala oolfamuu dhaan Wixata kaleessaa xumurame.

Hoogganaan paartichaa Juliyees Maleemaa, daldalaawwan akka cufamanii fi hoji dhabiinsaa fi humni ibsaa walitti aansee adda cituu isaa mormuu dhaan namoonni manaa akka hin baane waamicha dabarsaiiru. Paartichi prezidaanti Siriil Ramaafoosaa hatattamaan aangoo akka gad dhiisan illee gaafatee jira.

Johaansbergii fi Piritoriyaa keessaa daldalaawwan hedduun cufaatti oolanis taajjabdoonni hangi tokko kibxati ayyaana waggaa waan ta’eef guyyaa itti namni boqonnaa fudhatanii mana waan oolaniif jecha, waamichi sun milkaa’uu isaa gaaffii keessa galchaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG