Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Afrikaa Naannoo Saahel Keessatti Ukkaamsamanii Butaman Gaazixeessaan Ferensaayii fi Hojjetaa Gargaarsaa Ameerikaa Gad Dhiifaman 


Gaazixeessaa Faransaay Oliiviyeer Dubooyisii , bitaa, hojjetaa gargaarsaa lammii Ameerikaa Jeefrii Wuudke buufata xiyyaaraa Ni'ameey yeroo gahan, Bitootessa 20, 2023.
Gaazixeessaa Faransaay Oliiviyeer Dubooyisii , bitaa, hojjetaa gargaarsaa lammii Ameerikaa Jeefrii Wuudke buufata xiyyaaraa Ni'ameey yeroo gahan, Bitootessa 20, 2023.

Waggaa lama dura garee Jihaadaa naannoo Saahiliin ukkaamsamee butamee kan ture gaazixeessaan lammii Ferensaay tokko waggoota ja’aaf hidhaa keessa kan ture hojjetaa dhaaba gargaarsaa lammii Ameerikaa tokko waliin Wixata kaleessaa hidhaa dhaa erga gad dhiisamee booda magaalaa galma mootummaa Niijer Niyaameey-n seenee jira.

Gaazixeessaa Faransaay Oliiviyeer Dubooyisii fi hojjetaa gargaarsaa lammii Ameerikaa Jeefrii Wuudke xiyyaarae magaalaa guddoo Niijer Niamey jedhamutti qubate keessaa ba'aniiru. Kan umuriin waggaa 48 Dubooyis, Ebla bara 2021 Maalii keessa kan butame yoo ta'u, Woodk immoo Onkoloolessa bara 2016 Niijer keessa dhabame.

Dadhabbiin natti dhagahama, garuu fayyaa dha kan jedhe Dubooyis, ni kolfaa garuu akka hamma malee dadhabee jiru ni mul’ata.

Maddeen dhimmicha beekan akka jedhanitti Dubooyis Kibxata Paarisitti deebi'a jedhamee eegama.

"Asitti argamuun koo, bilisa ta'uun koo na ajaa'iba," jechuun garee xiqqaa ka gaazexeessitoota waliin haasa'aa ture. Nijar ogummaa ergama hamaa kana keessatti qabduuf kabaja kennuu fi Faransaayiif, namoota har'a asitti akkan argamu na gargaaran hundaaf kabaja kennuu barbaada jedhee jira.

Woodke, ulee irratti hirkatee, rifeensi isaa addaatee, cinaa isaa ture.

"Mootummaa Naayijeeriyaa, Ameerikaa fi Faransaay" galateeffachuun, "Vive la France" jechuun dabalaniiru.

Kibba dhiha Niijar naannoo Tahowuhaaa kan Niyaamey irraa gara kiiloo meetira 350 fagaatu mana isaa Abalak irraa qawween itti qabamuun fudhatame.

Maanguddoon waggaa 61 kun waggoota 32f Niijar keessatti mishinerii fi hojjetaa gargaarsa namoomaa ta'uun tajaajilaa akka turan marsariitiin deeggartootaa isaanii ni mul'isa.

Pireezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon Dubooyis waliin erga haasa'anii booda ibsa kennaniin, ''boqonnaa guddaa akka argatan ibsuu dhaan, gaazexeessaan kun yeroo dhiyootti gara Faransaayitti akka deebi'u dubbataniiru.

Pireezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden bilisa bahuu Wuudkee kan simatan yoo ta'u, mootummaan Niijar hiikkamuu isaa mirkaneessuuf gargaaru keessatti michuu murteessaa dha jechuun galateeffataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG