Xurree ittiin seenan

Breaking News

Soomanni Ramadaanaa Har'aa Guutummaa Addunyaatti Eegalame  


Guyyaan sooma Ramdanaa ennaa addunyaa guutuu irraa Muslimoonni miliyoonaan lakkaa’aman torban afuriif Waaqa kadhachuun dabarsanitti kamisa har’aa jalqabamee jira.
Guyyaan sooma Ramdanaa ennaa addunyaa guutuu irraa Muslimoonni miliyoonaan lakkaa’aman torban afuriif Waaqa kadhachuun dabarsanitti kamisa har’aa jalqabamee jira.

Sommanni bara kanaa jalqabame yeroo biyyoonni fi mootummoonni hedduun guutuu giddu galeessa bahaa keessaa wa-ldhabdee fi muddama yeroo dheeraaf ture tasgabbeessuuf yaalaa jiranitti yoo ta’u, waraana gatii guddaa baassise Yukireen keessatti yeroo itti geggeessamaa jiruu fi kirkira lafaa hamaa Turkii fi Siiriyaa keessatti mudatee namoota 52,000 ol galaafatetti.

Torban afran dhufan keessatti Muslimoonni miliyoonaan lakkaa’aman barii qabee hanga galgalaatti nyaataa fi bishaan irraa of qusatu, galgala maatii fi hiriyoota isaanii waliin Afxrii dhaaf walitti qabamu. Dippilomaatonni fi hoggantoonni ennaa baatii ramadaanaatti deemaa jiranitti, nageenyi akka bu’u abdachuu dhaani., kunis hariiroon biyyoota humnoota gurguddoo naannichaa walmorkatan lama Iraanii fi Sa’uudii Arabiyaa gidduu jiru fooyyessuu irratti fuuleffata.

Lamaan isaanii waraana Yaman keessatti faallaa walii kan dhaabatan yoo ta’u, miirri ho’aan gidduu isaaniitti mul’atus, naannoo sana keessatti lolli yeroo tokko tokko itti fufee jira. Yaman keessatti alqaba torbee kanaa yoo xiqqaate namoota 16 ajjeefameera.

Kibba Turkii fi kaaba dhiha Siiriyaa keessatti badii kirkirri lafaa ji’a darbe mudate dhaqqabsiise tarii qormaata hunda caalu ta’uu danda’a.

Islaamummaan kalaandarii ji'aa ykn baatii hordofa, kanaaf Ramadaanni waggaa waggaan naannoo torban tokkoo fi walakkaa dursee jalqaba. Dhuma Ramadaanaa irratti Musliimonni ayyaana Iid al-Fxir kan gammachuu qabu yoo ayyaaneffatan, yeroo baay’ee daa’imman uffata haaraa fi kennaa argatu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG