Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Haleellaa Samii Irraan Raawwatte


US Contractor Killed at Syria Base; US Retaliates Against Iran IRGC Facilities
US Contractor Killed at Syria Base; US Retaliates Against Iran IRGC Facilities

Waraanni Yunaayitid Isteets baha siriyaa keessatti ajjeechaa hojjataa buufata waraanaa bakka sana jiruu keessa turan irratti raawwate haaloo bahuudhaaf haleellaa xiyyaaraa waraan of eeggannoo irratti hundaa’ee hedduu taasisuu isaa ibsee jira.

Akka haanga’onii Peentaagoon jedhanitti, buufata waraanaa kibba baha Siriyaatti argamuu irratii xiyyaarri nam-malee ykn dirooniin haleelicha raawwate Iraan keessaa kan ke’eedha.

Ministeerri ittisaa Yunaayitid Isteets peentaagoon akka jedhetti, haleellaan diroonii sun kan raawwate buufataa waraanaa siriyaa keessaa bakka Hasaaka jedhamutti argamu irratii yemuu ta’u, ministirri Itisaa Looyid Osten, haleellaan haaloo bahuu kamisa galagalaa bakka buufataa garee mootummaa Iraaniin degeramu fi “Iran’s Islamic Revolutionary Gaurds Corps” jedhamu irratti akka ta’e ibsaniiru.

Haleellaa buufata waraanaa Yunaayitid Isteets irratti raawwatame Kanaan loltootaa Shan dabalatee lammileen Yunaayitid Isteets jaha kan madaa’an yemmuu ta’u, kanneen keessaa loltoonni lamma bakkuma jiranutti waldhanamanii, wareen biroo bakkaa waldhaasaa buufata waraanaa waloo Iraaq keessatti argamuutii akka geessaman ibsameera.

Yunaayitid Isteets, umnoottan Kurdoota Siriyaa gargaaruudhaaf akkasumas Sochii garee Islaamiik Isteets too’achuudhaaf baha Siriyaa keessaatti waraan 900 akka qabdu gabaasameera.

Akka ajajaan waraanaa Yunaayiti Isteets Jeeneraal Eriik Kuriilaa jedhanitti, gareewwan Iraaniin degeraman Amajii barra 2021 kaasee buufaatalee waraanaa umnoottan Yunaayitis Isteets keessaa jiran Iraaqii fi Siriyaa keessa argaman irratti haleellaa diroonii al 78 raawwataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG