Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ityoophiyaan Qorannoo Sarbiinsa Mirga Namoomaa Ilaalchisee Gaaffii dhiheessaa Turte Akka Dhiifte Ibsamee Jira


Qaama dhaabbata mootumootaa gamtoomani, mana maree mirga namoomaa jalatti Komishiiniin walwaraansaa Kaaba Ityoophiyaa keessatti taasifameen walqabatee sarbiinsaa mirga namoomaa raawwate qoratuu hojii isaa akka dhaabuu Itiyoophiyaan dhiibaa gochaa turtee dhaabuu isheen gabaasamee jira.

Ityoophiyaan gaaffii ishee kan dhabdee dhiibbaa biyyoottan lixaa irraa umameen akka ta’ee kan gabaasee maddii oduu Rooyiters, dipiloomatoonni Shanii fi haanga’onii garee dhaabbata mirgaa namoomaa Ityoophiyaan mormii Jenevaa irratti dhiheesuuf karoorfatte dhiisuu ishee himuu isaanii gabaaseera.

Komishiiniin sarbiinsa mirga namoomaa walwaraansaa Kaaba Ityoophiyaa keessatti ture qoratu, walwaraansicha keessatti yakki waraanaa raawachuu isaa kan mirkaneessuu ragaa qabaachuu isaa ibsee kan ture yemuu ta’u, mootummaan Yunaayitid Isteets torban kana keessa ibsaa baaseen, Waraanni Mootummaa Ityoophiyaa fi waraanni Eertiraaa akkasumas, gareewwan walwaransicha keessatti hirmnaatan biroo yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa raawwachuu isaanii akka mirkaneeffatee ibsuun isaa ni beekama.

Mootummaan Ityoophiyaa fi Eertiraa himanichaa akka hin fudhannee beeksisaniiru.

Ityoophiyaan, qorannoon dhimma sarbiinsa mirga namoomaa irratti Komoshiini addaatiin akka taasifamu murtaa’ee, ergaa siyaasaa of keessaa qaba jechuudhaan mormitee komishiinichii akka hojii isaa dhaabuu gaafiin dhiheesuuf qopheesitee kamisa kaleessaa Jeenevaa irratti hin dhihaata jedahmee eegamaa kan turee yoo ta’u, ajandaa walga’ichaa irratti akka hin muldhane kan ibsee madii oduu Rooyiters, ergamni dipilomaasii Itiyoophiyaa Jeenevaatti argamuu dhimichaa irratti deebii akka hin kenine gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG