Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiilli addaa Yunaayitid Isteets Komishinerii mirga namoomaa Itiyoophiyaa wajjin maryatanii jiru.


Asxaa Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa
Asxaa Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa

Gaanfaa Afrikaatti jiilli addaa mootummaa Yunaayitid Istets Maayik Haamer Komoshineeraa Komoshiinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa Daani’el Beqelee wajjin marii taasisuun isaanii ibsameeraa.

yemuu gareewwan lamman walwaraanaa turan waligaltee Pritooriyaa isa ilaalchaa fi gocha diinummaa dhaabsise hojii irra oolchuudhaaf hojjachaa jiran kanatti, Maayik Haamer mariin Komishineer Daani’eel Beqqelee wajiin taasisan, dhimmaa barbaachisummaa Itti gaafatamumaa fi dhimma sirna haqa ceeuumsaa irratti akka ta’ee, Embaasiin Yunaayitid Isteets Finifineetii argamau fuulaa Tiwuutarii isaa irratti ibsee jira.

Maayik Haamer sochii mootumaan Itiyoophiyaa loltootaa ABUT meeshaa hikkachiisuu fi deebisanii hawwasatti makuu irrati taasisaa jiru jajuu isaanii kan ibsee gabasinii Kenedii Abaatee, Yunaayitid Isteets sochii hiikachiisuu meeshaa fi Deebisanii dhaabuu akka gargaartuu ibsii Embaasichaa eeruu isaa hubachiiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG