Hogganaan bulchiinsaa yeroo naannoo Tigraay obbo Geetacheewu Reddaa ergaa taayitichaaf muudamanii as yeroo jalqabatiif ibsaa keennuun isaanii beekameera.
obboo Geetachoo Raddaa Ibsaa jimaata har’aa Bitootessa 24,2023 maqalee keessatti keenanii bulchiinsi isaanii Tigraay Keessatti adeemsaa Paartii fi mootummaa waliin makuu akka dhaabisisu ibsanii, adeemsaa kana keessatti ummanii Tigraay tokkumaadhaan akka hirmaatu waamichaa dhiheesuun isaanii beekameera.
Bulchiinsii yeroo naanoo Tigraay hundaa hirmaachisaa akka ta’e kan beeksisee ibsii Obbo Geetachoo Raddaa, karooraa baafatee keessaa, Jireenyaa fi nageenyaa ummatta Tigraay mirkaneesuu, daangaa naannoo Tigraay heeraa biyyattin beekamuu kabachiisuu, nannoowwan olla Affaarii fi Amaaraa giduutti walitii dhufeenyaa jiru fooyyesuu kan jedhu ijoo akka ta’e ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.
Muumichii ministiraa Ityoophiyaa Abiy Ahimad muudamma Obbo Geetachoo Raddaa simachuun isaanii gabaasamuun isaa ni yaadatama.
Forum