Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Iroob Gargaarsa Hin Argatiin Jira Jedhame


FAAYILII - Meeshaa waraanaa barbadahee, naannoo Tigraay, Caamsaa 11, 2021.
FAAYILII - Meeshaa waraanaa barbadahee, naannoo Tigraay, Caamsaa 11, 2021.

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessa, gara daangaa gama kaabaa iddoo tokko tokkotti keessaaumaa aanaa uummanni Iroob har’as gargaarsa namoomaa argataa akka hin jirre dhalataan naannoo Sanaa tokko RaadiyoomSagalee Ameerikaaf ibsanii jiru.

Jiraataan Iroob Obbo Walda Maariyaam Bisraat akka jedhanti, wal waaraans waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture keessatti rakkataa kan ture uummanni Iroob walii galteen Pritooriyaa eega mallatteeffamee baatii 6 booda iyyu gargaarsa nyaataa dawaa ykn qorichaa fi kanneen biro argataa hin jiru jedha.

Sababiin isaas daandii gara aanaa sanaatti geessuu cufamuu isaan akkasumas dhimmi kun gama kamiin iyyu ilaalcha ga’aa argachuu dhabuu isaan akka ta’e dubbatan.

Hogganaan waajiira Akeekkachiisa dursaa fi Sodaa Balaa naannoo Sanaa, obbo Gebreegziabher Aregawi akka jedhanitti, daandii gara Iroob geessu irra loltoonni Eertiraa ulaa sakatta’aa waan ka’aniif jecha gargaarsa geessuuf akkasumas naannoo sanatti argamuun hojii gargaarsaa deddeebisuu rakkachuu isaanii ibsan jechuun Mallaskaachoo Ammahaa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG