Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti-Aantuu Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Har'a Gaanaatti Prezidaantii Biyyattii Wajjiin Wal Argan 


Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytis Isteetis Kamala Haariis fi Pirezidaantii Gaanaa Nana Akufo-Addo, Akraa, Gaanaa, Bitootessa 27, 2023.
Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytis Isteetis Kamala Haariis fi Pirezidaantii Gaanaa Nana Akufo-Addo, Akraa, Gaanaa, Bitootessa 27, 2023.

Itti aantuu preezdaantii Yunaaytid Isteetis Kamalaa Haaris Waashingitan invastimantii Afrikaa keessatti dabaluu fi guddina dinagdee ardii kanaa kakaasuuf gargaaruu akka barbaaddu dubbatan.

Itti aantuu preezdaantii kun qaama imala Afrikaa torban tokkoof turuun Gaanaa kan jiran yoo ta’u, Dilbata kaleessaa magaalaa guddoo biyyattii Akraa seenan. Gita isaanii kan Gaanaan simannaan taasifameefii jira.

Qondaala olaanaa bulchiinsa Baayiden ennaa Afrikaa Daawwatuu Haaris kan jalqabaa ti.

Gaanaa booda gara Taanzaaniyaa itti fuftee Pirezidaantii Saamiyaa Suluhu Hasan waliin wal arguuf kan Karoorfatan yoo ta’u, achiis gara Zaambiyaatti imaluun pirezidaantii Hakaayinde Hichilema waliin wal arguuf deemu.

Imalli Haaris kun qaama tattaaffii bulchiinsi kun ardii kana waliin hariiroo gadi fageessuun akkasumas dhiibbaa Chaayinaa qolachuuf godhu keessaa tokko ta’uu xiinxaltoonni ni dubbatu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG