Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waardiyyaan Handaara Galaanaa Liibiyaa Doonii Baraarsaa Irratti Dhukaasa Akeekkachiisaa Dhukaase  


Hojjattoonni MSF yeroo godaantota baraaran, Liibiyaa, Bitootessa 24, 2023.
Hojjattoonni MSF yeroo godaantota baraaran, Liibiyaa, Bitootessa 24, 2023.

Bidiruu laastika irraa hojjatamtee fi godaantota fetee qarqara galaanaa Liibiyaa irraa turte baraaruuf, Donii baraarsaa yaalaa turte irratti, waardiyyaan handaara galaanaa Liibiyaa dhukaasa akeekkachiisaa dhukaasuu isaa, Gareen baraarsa galaanaa irraa tokko beeksisee jira.

Itti fufanis eegduun handaara galaanaa kun godaantota gara Awurooppaatti imalan gara 80 ta’an gara Liibiyaatti deebisee jira.

Wannii Sambata darbe kana bishaan addunyaa keessatti mudate kun, eegduu qarqara galaanaa Liibiyaan giddu seensa ta’ee fi faayidaa hin qabne jedhamee jira.Waardiyyonni handaara galaanaa kun, Gamtaa Awurooppaatiin kan leenji’ee fi maallaqaan kan deeggaramu yoo ta’u, godaantota gara Awurooppaatti deemuu ittisuuf kan gaggeeffamuu dha.

Kanas kan ibse, Doniin baraarsaa isaa irratti dhukaasii akeekkachiisaa kan dhukaafamee gareen baraarsaa SOS Mediterranee jedhamu yoo ta’u, Dubbi himaan waardiyyaa qarqara galaanaa gaaffii yaada akka kennuu dhiyaateef deebii hin kennine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG