Akkaataa deggersa maalaqaa Ityoophiyadhaaf taasisuun danda’amu irratti, hojii tekiniikaa kan hojjatuu gareen dhaabataa fandii maalaqa adduunyya ykn IMF Ityoophiyaa seenu isaa dubbi himaan dhaabaticha wixata kaleessa ibsuun isaanii gabaasameera.
IMF haanga’oota Ityoophiyaa irraa gaafiin gargaarsaa akka dhihaateef kan ibsan dubbii himaan dhaabbatichaa, Ityoophiyaan balaa hongee, dhibee kooviidii , waltibu’insa biyyaa keessaa fi dhiibaa walwaraansa Raashaa fi Yukreen gidduu jiruun midhamuu ishee ibsanii jiru.
Gargaarsii IMF sagantaa fooyya’insaa diinagdee biyyaa keessa deggeruudhaan diinagdee tasgabeesuuf akka ta’e kan beeksisan dubbi himichi, rakkina diinagdee, gargaarsaa namoomaa fi hawaasaa fooyyesuudhaaf hijoo uumanii iyyummaa hirdhisuun akka kaayyo gargaarsaa dhaabaticha ta’e ibsaniiru.
Oduu kana dursee ifa kan taasise dhaabanii oduu Biluumberg akka ibsetti, gareen IMF kun guyyoottan Kurnan dhufanuuf haanga’ootaa mootummaa Ityoophiyaa wajjin maryachaa tura.
Forum