Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Koomishina Gamtaa Afrikaa Keeniyaa Keessatti Akka Tasgabiin Bu’u  Waamichaa Dhiheessan  


FAAYILII - Dura Taa’aa Komishiini Gamtaa Afrikaa, Muusaa Faakii Mohaamat, Finfinnee, Itoophiyaa, Guraandhala 17, 2023.
FAAYILII - Dura Taa’aa Komishiini Gamtaa Afrikaa, Muusaa Faakii Mohaamat, Finfinnee, Itoophiyaa, Guraandhala 17, 2023.

Dura Taa’aan Komishiini Gamtaa Afrikaa, Muusaa Faakii Mohaamat, mormiin farraa mootummaa Keeniyaa keessatti taasifamaa jiruu ergaa gara jeequmsaatti jijjiramee booda soda isaanii ibsuudhaan akka tasigabiin taasifamuu waamicha dhiheesanii jiru.

Fedhii muummee tokummaa biyyaaleessa fi araatiif jechaa gareewwan mormichaa kessatti qoodaa fudhachaa jiran waldhabiinsa isaanii mariidhaan hiikuu irratti hojachuu qabu jechuudhaan dura taa’a Muusaa Fakii Mohaamat Akka hubachiisa waajjirri isaanii ibsee jira.

Jeequmsii lubuu namaa galafachaa jiru, qabeenya irratti manca’iinsa geessisaa jiru fi sochiiwaan diinagdee amma tokkoo jeeqaa jiruu akka isaan yaaddesse Muusaa Faakii Mohaamat ibsuu isaanii ibsi waajira isaanii irra bahe kun dabalee beeksisee jira.

Hogganaan mormichaa Raayilaa odiingaa lammilen keeniyaa guyyaa Wixataa fi guyyaa Kamisaa hiriiraa bahuudhaan akka qaala’insaa jireenyaa mootumma Wiliyaam Ruutoo jalatti Raawachaa jiru morman kan gaafatan yoo ta’u, Wixataa kaleessa Magaalaa Nayiroobii fi Kisuumuu keessatti hirira taasifamee poolisoonni gaazii nama Imimaanesuu fi Bishaan fayyadamuudhaan akka bittineessan ibsameera.

Akka maddii oduu Ajaans Fraan Preess/AFPn hogganaa hospitaalaa waabeffachuudhaan gabaasetti magaala Kisumuu keessatti nammi tokko rasaasaan rukutamee ajjeefameera.

Keeniyaa keessatti tokumaa biyaalessaa, nageenyaa fi tasgabbii mirkaneesuu irratii gamtaan Afrikaa mootummaa keeniyaa fi Ummata biyyatti wajjin akka dhaabatu dura taa’an Komishiinii gamtaa Afrikaa irra deebi’ani ibsuu isaanii ibsii waajiraa isaanii irra bahe beesisuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG