Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa’iin Tokkummaa Mootummootaa Guyyaa Miidhamtoonni Daldala Gabrummaa Itti Yaadatamanitti Waa’ee Barbaachisummaa Barnootaa Hubachiise   


Barreessaa Muumee Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo guuteress, Brusels, Beeljiyem, Bitootessa 23, 2023.
Barreessaa Muumee Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo guuteress, Brusels, Beeljiyem, Bitootessa 23, 2023.

Yaa’iin dhaabbataa mootummoota gamtoomanii guyyaa har’aa guyyaa miidhamitoonii daldalaa gabrummaa “Transatlantic” jedhamuu itti yaadatamuu ta’uu isaa kan ibsee yemuu ta’u barbaachisumman baruumsaa akka xiyyeeffanaa argatu ibsee jira.

Barreessaan Muumee Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteres guyya kana ilaalchisuudhaan ibsa kennaniin “ Gochaa hammeenyaa” jechuudhaan kan waaman sirnii dhala namaa gabrumaadhaan gurguruu waggoottan 400 fi kan turee akka ta’ee ibsanii , seenaa dhala namaa keessatti daa’iman , dubartoonii fi dhiironni Afrikaa Miiliyoonaatti lakkawaman dirqiidhaan butamanii, maatii isaanii, biyyaa isaanii fi hawaasaa isaanii irraa addaan citanii karaa galaana Atilaantiikn guuramuu isaanii yaadachisanii jiru.

Ashaaraan daldalaa gabrumaa Atilaatiik guyyaa har’aas nu adamsaa jiraa kan jedhan Antoniyoo Guterees, baraa sana irraa jalqabnee bara saamichaa Koloniyaalisimii, akkasumas gara walqixummaa dhabiinsa hawaasumaa fi diinaagdee baraa kanaatti sarara kaa’uu ni dandeenyaa jechuudhaan ibsaniiru.

Guteereesitti ansuudhaan kan dubbatan Prezidaantiin yaa’ichaa Siisabaa Korosii , yakka suukanneesaa seenaa dhala namaa keessatti waggoottan 400 fi tureen lammiiwwan Afrikaa Miiliyoonii 15 ta’an umnaan biyya isaanii keessaa fudhatamuu isaanii ibsanii, dhugaa falmisiisaa hin taanee kana karaa barnootaatiin beeksisuun akka barbaachisaa ta’e himaniiru. Itti dabaluudhaanis, barnootaa babaldhisuudhaaf jabeessuudhaan wantii namoottan miiliyoonii 15 irra gahee ture akka deebi’ee eenyuunuu irraa gahuu hin qabne taasisuu qabna jechuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG