Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namnii Hidda Dhalata Paakiistaan Qabu Hogganaa Iskootlaand Ta’uun Maatii Gammachise


Hamzaa Yuusuuf inisteera Iskootilaand ta'anii filamuun dura, Bitootessa 28, 2023.
Hamzaa Yuusuuf inisteera Iskootilaand ta'anii filamuun dura, Bitootessa 28, 2023.

Hamzaa Yuusuuf Kibxata kaleessaa ministeera Iskootilaand ta’uun kan mirkanaa’e yoo ta’u, nama mootummaa Iskootilaand hoogganuu kan hidda dhalata biyyaa biraa isa jalqabaa ta’an.

Yusuuf Glaazgoo, Iskootlaand keessatti kan dhalatan fi umriin isaanii 37 yoo ta’u, firoonni isaanii Paakistaan keessa jiran, kana caalaa boonuu waan isaan dandeesisuu akka hin jirre dubbatan.

Kunis Yuusuuf dimokiraasii warra dhihaa kamiyyuu keessatti hogganaa biyyoolessaa Musliima ta’an isa jalqabaa taasisee jira. Magaalaa Paakistaan Miyaan Chaannu jedhamtu, magaalaa dhaloota akaakayyuu fi abaabayyu Yuusaf jedhamtu keessatti, firri isaa tokko oduu kanaan gammaduu isaa dubbata.

Ummanni Miyaan Chaannu Yuusuuf mummicha ministeera Iskootilaand isa jalqabaa ta'uu isaa yommuu dhaga'an, fira isaa dhiyoo waanan ta'eef na daawwachuu fi baga gammaddan jechuu jalqaban," jedha Manzoor Huseen

Abbaan Yuusuuf - Muzaffar magaalaa bulchiinsa Punjab keessatti argamtu kana keessatti kan dhalatan yoo ta’u, bara 1960ta keessa maatii isaanii waliin gara Iskootilaanditti godaanan.

Itti dabaluudhaanis Huseen, 'Ani, maatiin koo fi guutummaan Paakistaan itti boonna jedhan.Kana malees Yuusuuf, akaakayyuu fi abaabayyuun isaa du'aan boqotan, kanneen waggoota 60 oliin dura Punjab irraa gara Glasgow godaananiif kabaja kenneera jedhan

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG