Yakka hojjechuun shakkamanii kanneen turan hooggaoota sivilii fi waraanaa ABUT irratti himannaa dhiyaatee ture adda kutuu isaa ministriin haqaa beeksisee jira.
Himannaan irratti dhiyaate adda citee dhimmi isaanii bu’uura haqaa ce’umsaatiin akka ilaalamu gochuun barbaachisaa ta’ee argameera jechuu dhaan ministriin haqaa sa’aatilee dura fuula feesbook isaa irratti ibsa maxxanseen beeksisee jira. waggoota lamaaf wal waraansa geggeessame waliin yakka wal qabate haqa ce’umsaan ilaalama jedha ibsi sun.
Akka waliigaltee nagaa mootummaa federaalaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay gidduutti mallattaa'een, yakkawwan walitti bu'iinsa waliin wal-qabatan bu'uura haqaa ce'umsaatiin, muuxannoo sadarkaa addunyaa tilmaama keessa galchuun akka ilaalamu waliigalameera, jechuun ibsi ministeerichaa dabaleera.
Himannaanleen yakkaa adeemsa falmii irra turane bu'uura akka labsii 943/2008 keeyaata 6 (3) (s) tiin kan ka'e ta'uu isin beeksifna, jechuun ibsicha xumuree jira.
Forum