Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Walitti Bu’insaan Biyyoota Haga Tokko Keessatti Lakkoobsi Namoota Du’anii Dabaluu WHOn Beeksise 


FAAYILII - Wajjira Dhaabata Fayyaa Addunyaa, Jenevaa
FAAYILII - Wajjira Dhaabata Fayyaa Addunyaa, Jenevaa

Jarmayaan fayyaa addunyaa ibsa kaleessa baaseen biyyoota kan akka Afgaanistaan, Yemen fi Itiyoophiyaa keessaa lakkoobsi namoota sababaa hookkarri hammaataa adeemeen du’anii bara 2020 fi 2021keessa dhibba irraa harka 46n dabaluu beeksisee jira.

Miidhaawwan sammuu guutuu Naannoo Baha Meditiraaniyaanii keessatti dabalaa dhufeef deebii kennuudhaaf, WHOn mala haaraa lubbuu baraaruu fi qaama miidhamummaa hir’isuu jalqabeera, kunis yeroo balaan tasaa namoomaa dhaqqabu tajaajilli kunuunsa miidhaa samuu bu’a qabeessa ta’e kan jalqabaa akka hundeeffamu mirkaneessuuf waadaa galee jira.

Ogeessi Kunuunsa miidhaa sammuu kan WHO Naannoo Baha Meditiraaniyaani Dr. Saaraa Halimah akka jedhanitti, Du’i gaddisiisaa hanga dhibba irraa harka 80 ta’u utuu namoonni hospitaala hin ga’iin dura mudachaa jira. Itti fuftees, Sun yaaddoo guddaao guddaa kan jiraattonni Somaaliyaa kanneen Moqaadishoo keessaa, Afgaanistaan, ykn Sudaan ykn bakka kamiyyuu jiraatan - hospitaala ga’uuf rakkachaa akka jiran dubbatanii dha.

Kaka’umsi dhimma miidhaa sammuu naannoo kan WHO erga hundeeffamee ji’oota 18 keessatti biyyoota dadhaboo fi walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti dhukkubsattoota miidhaman tilmaamaan 800,000 kan dhaqqabe yoo ta’u, taateewwan miidhaa jumlaa 200 ol ta’aniif deebii kenneera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG