Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kamlaa Hariis Biyyi Isaanii Dubartoota Afriikaa Humneessuuf kan Oolu Doolaara Biliyoona Tokko akka Kennitu Ibsan


Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytid Isteets Kamlaa Hariis fi Pirezidaantii Taanzaaniyaa Samiyaa Suluhuu Hasan walgahii isaanii booda ibsa gaazexeessitootaaf oggaa kennan, Dare es Salaam, Taanzaaniyaa, Bitootessa 30, 2023.
Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytid Isteets Kamlaa Hariis fi Pirezidaantii Taanzaaniyaa Samiyaa Suluhuu Hasan walgahii isaanii booda ibsa gaazexeessitootaaf oggaa kennan, Dare es Salaam, Taanzaaniyaa, Bitootessa 30, 2023.

Itti Aantuun Pireezidaantii Yunaayitid Isteets Kamlaa Haaris daawwannaa biyyootii sadiitti geggeessan ennaa xumuranitti fayyadama dinagdee dubartootaa fooyyessuuf kaka’umsa doolaara biliyoona tokkoo kan gumaachamu ta’uu beeksisan.

Waajjirri Haaris, maallaqai kun kan argame mootummaan Ameerikaa fi waadaa damee dhuunfaa biraa galame irraa ta’uu ibsuu dhaan, utuu isaan gara Taanzaaniyaa fi Zaambiyaatti hin imalin dura Gaanaa bakka isaan daawwataa jiranitti beeksisame.

Daawwannaan kun walga’ii Muddee keessa Pirezidaantii Joo Baayiden hoggantoota Afrikaa waliin Waashingitanitti geggeessan hordofee yoo ta’u, yeroo Ameerikaan dhiibbaa Chaayinaa fi Raashiyaan ardii kana irratti qaban guddachaa jiru madaaluu barbaadaa jirtutti.

Haaris kanaan dura Gaanaaf gargaarsa misoomaa fi aadaaf kan oolu doolaara miiliyoona $139 fi invastimantii tasgabbii, nageenya ijaaruuf kan oolu biyyootii Afriikaa andaara galaanaa jiran kanneen balaa jeequmsa warra Jihaadaa naannoo Saahel keessatti babal’ateef immoo doolaara miliyoona $100 gumaachaniiru.

kaka’umsi dinagdee kun maallaqa dinagdee dijitaala dubartootaaf doolaara miliyoona $60 akkasumas kan doolaara miliyoona $400 immoo adda addummaa dijitaalaa kan saala irratti hundaa’e dhiphisuuf gumaachi ta’ee jira.

"Haala dinagdee dubartootaa fi shamarran tarkaanfachiisuun dhimma mirga namoomaa, haqaa qofaa osoo hin taane, iyyummaa xiqqeessuu fi guddina dinagdee itti fufiinsa qabu kan dagaagsu dirqama tarsiimoo ti jechuu dhaan n waajjirri isaanii Roobii kaleessaa ibsee jira.

Doolaarri miiliyoona $528 kan biroon immoo faayinaansii damee dhuunfaa Afrikaa dinagdee dubartootaa deeggaruuf kan oolu ta’uun ibsameera. Harris Dareselaamiin ennaa ga’anitti preezdaantii Samiyaaa Suluhuu Hassan waliin ennaa wal arganitti hoggantoonni lamaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu ilaalchisee mari’atanii jiru.

Daldala ilaalchisee kan mari’atan yoo ta’u, Yunaayitid Isteetis warshaa albuudaa haaraa kan albuudaalee kan akka Nickel fi ka biroo oomishu kan deggertu ta’uu isheef, warshaan kun bara 2026-tti baatirii sadarkaa nikeelee gara Yunaayitid Isteetisitti erguu irratti kan karoorfate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG