Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baayiden Demokraasii Addunyaa Fuula Duratti Tarkaanfachiisuuf Biyyoota Dimokiraasii Tumsan Waliin Akka Hojjetan Beeksisan  


Prezidaant Joo Baayiden, Washiingtan, Bitootessa 29, 2023.
Prezidaant Joo Baayiden, Washiingtan, Bitootessa 29, 2023.

Prezidaant Joo Baayiden, boodatti hafummaa dimokraasii addunyaa irraa hambisuu akkasumas basaasa teknooloojii irratti oofamutti duuluuf doolaara miliyoona $700 ennaa gumaachaitti, Raashiyaa fi Chaayinaan utuu arganii biyyoota dimokiraasii gidduutti tokkummaan akka jiraatu gaafataniiru.

Baayiden "Yaa'ii Dimokiraasii" isa lammaffaa, irra hedduu gama viidiyoon geggeessamu irratti, muummichi ministeeroota michoota Ameerikaa Israa'elii fi Hindii dabalatee, hoggantoota 121 affeeraniiru, isaanis lamaan isaanii iyyuu himannaa abbaa irree socho'aa jedhamuun booda galmee isaanii ittisan.

Pirezidaantummaa Doonaald Tiraamp seera cabsuu fi haleellaa biilsa mana maree Ameerikaa irratti raawwatameen booda amanamummaa Ameerikaa bakka duraatti deebisuuf jecha duraan kan Baayideniin yaadamee ture miirri dimokraasii ennaa Yukireen weerara Raashiyaa of irraa ittisuuf yaalaa ennaa jirtuu fi Chaayinaan diplomaasummaa irratti ennaa haleellaa ooftutti bifa haaraa qabatee jira.

Walgahiin kun “Raashiyaan waraana haqa hin qabnee fi sababa hin qabne Yukireen irratti raawwatteef akka itti gaafatamuu, akkasumas dimokraasiin cimaa adeemuu isaa irratti ni hojjenna jechuu dhaan Baayiden haasaa baniinsaa gabaabaa dhageessisaniin dubbataniiru.

Walgahiin jalqabaa garmalee Ameerikaa irratti kan fuuleffate jechuun erga qeeqamee booda, Baayiden hoggantoota ardii tokkoon tokkoon isaanii kan Kooriyaa Kibbaa, Zaambiyaa, Koostaa Riikaa fi Nezerlaand irraa dhufan isaan waliin akka keessummeessitootaa ta’an filaniiru.

Kan biyyi isaanii yaa’ii sadaffaa keessummeessuu ishee kan beeksisan Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yeol “Dimokiraasii yeroo ammaa haleellaa jala jiru deebisee dammaqsuuf imala haaraa jalqabuu qabna” jedhan

Dimokraasii biyyoota ka biroo jajjabeessuuf Baayiden doolaara miliyoona $690 akka gumaachamu kan beeksisan ga’uu angawoonni Yunaayitid Isteetis beeksisaniiru.

Maallaqni Ameerikaa kun sagantaalee filannoo bilisa ta’e gaggeessuuf, miidiyaa walaba tarkaanfachiisuuf fi tarkaanfii malaammaltummaa irratti fudhatamu cimsuu kan deeggaru yoo ta’u, waadaa doolaara miiliyoona 424 walgahii jalqabaa irratti dhiyaate hordofee ti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG