Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bosaasoo Keessatti Balaa Konkolaataa Mudateen Lammiwwan Itiyoophiyaa Du’uu Kaan Madaa’uun Ibsamee Jira


Faayilii- Magaalaa Bosaasoo
Faayilii- Magaalaa Bosaasoo

Kibxata dabree jechuun Bitootessa 28, 2023 galgala Somaaliyaa naannoo Bosaasootti balaa kokolaataa daandii irratti mudateen, lubbuu godaantotni Itoophiyaa yoo xiqqaate 11 galaafatee kanneen yoo xiqqaate 20 ta’an immoo madeessee jira.

Godaantonni kun namoota seeraan ala nama deddebisaniin geejibaan deemaa kan turan yoo ta’u, Galoo Galaana Aden ce’uun gara Yaman dhaqqabuuf akka turan himamaa jira.

Konkolaataan fe'umsaa isaan fe’e kun garagalee lubbuu namaa darbuu fi miidhaan irra ga'ee jira.

Hawaasni naannoo sanaa reeffa kudha tokkoo fi godaantota haalaan miidhaman gara Hospitaala Waliigalaa Boosasootti kan geessan yoo ta’u, hospitaalichi yeroo ammaa, dhukkubsattoota dandeettii isaa ol ta’an yaalaa jira.

Waajirri Godaantota addunyaa (IOM) qabeenya jiru walitti qabee kennuun, Hospitaalichi miidhamtootaaf yaala akka kennu deeggaree jira.

Meeshaalee wal’ansa fayyaa irra caalaan isaanii Giddugala Deebii Godaantotaa (MRC) Bosaasotti kuufamee ture ergine, gareewwan keenyas namoota miidhamaniif deeggarsa gorsa qor-qalbii kennaa jiru," jedhan Somaaliiyaatti itti gaafatamaan waajiira IOM Frantz Celestin.

Daandiin Gama Bahaa kun daandii godaansaa guddaa Gaanfa Afrikaa keessaa ka’ee karaa Somaaliyaa ykn Jibuutii gara Yamanitti fi yeroo baay’ee gara Sa’udii Arabiyaatti geessu yoo ta’u, irra caalaan lammiilee Itoophiyaa fi Somaalee haala hin eegamne, kan dinagdee, waldhabdee fi yeroo ammaa inno, jijjiirama qilleensaa kan akka caama irra baqataa jiranii dha.

Godaantonni daandii Bahaa fudhatan saamicha, hidhaa, butamuu, garbummaa ammayyaa fi miidhaa qaamaa dabalatee balaa guddaa isaan mudata.

Humnaan Gudeeddiin, duuti, fi ajjeechaan harka namoota seeraan ala nama deddebisanii fi yeroo tokko tokko aangawootaan raawwatamus, daandii godaansaa lafa irratti kan balaa guddaa geessisu keessaa tokko jedhamee kana fudhachuun dhugaa jiruu dha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG