Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Keessatti Dhukaasii Qawwee Akka Callisuu Gochuuf Hojjatamaa Jira


FAAYILII-Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gatarreesiif gorsituu addaa kan ta’an Kiristinaa Du’artee
FAAYILII-Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gatarreesiif gorsituu addaa kan ta’an Kiristinaa Du’artee

Imaammattoonni misoomaa jiraachuu dhabuun ykn imaammattoonni fi sagantaaleen misooma hunda hin hammate jiraachuun, hundee waldhabdee ta’u danda’a jechuun, Barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gatarreesiif gorsituu addaa kan ta’an Kiristinaa Du’artee, gola naga eegumsaa akeekkachiisaniiru.

Du’arteen Kamisa kaleessaa jechuun Bitooteess 30, mata duree dhiibbaa imaammattoonni misoomaa hojiirra oolmaa yaada Qawwee akka Callisuu gochuu irratti qaban Mana Maree kanaaf ibsa kennaniiru.

Gorsituun Addaa kun akka jedhanitti, “Yeroo dheeraaf mariin addunyaa gaggeeffaman, walitti dhufeenya nagaa, nageenyaa fi misooma gidduu jiruun waraanni haala hatattamaa uumuu, maallaqa misoomaaf oolu qabu irraa maqsuu fi bu’uuraalee misoomaa balleessuu qofa irratti kan daangeffame ta’uu ilaalaa ture jedhan.

Dhugaaleen kun sirrii ta’us, walitti dhufeenya nagaa fi misooma gidduu jiru ilaalchisee yaada guutuu hin taane dhiyeessu jedhan. Akkasumas Bakka Bu’aan Ol’aanaa Gamtaa Afrikaa yaada Qawwee Callisisuuf hundeeffamee , Mohaammad Ibn Chambaas, Mana Maree kanaaf haasawa taasisaniin, “mata duree falmii barbaachisaa kanaa yeroo isaa kan eegee jedhan.

Yeroo Afrikaan qormaata dachaa galma ga’iinsa kaayyoo kabajamaa kan bara 2030tti, Qawwee Callisisuuf karoorfamee, balaadhaaf saaxiluutu dhufaa jira jedhan.

Sababoonni qormaata kanaa, seenaa, dhaabbattoota, heera mootummaa, dinagdee, hawaasummaa fi aadaa dha. Dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa waliinis kan walqabatudha,'' jedhan Chambas.

Mozaambiik pirezidaantii gola naga eegumsaa kan baatii Bitooteessaa prezidaantiin ishees, falmii kanas dura-teessummaan gaggeessaa turan. “Nuti warri Afrikaa Ardii keenya irratti nagaa barbaanna” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG