Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Aantuun Prezidaantii Amerikaa Imaltuu Afrikaa Keessaa Itti Fufanii Jiru


Itti aantuu Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Kamalaa Haris fi Prezidaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu Hassan
Itti aantuu Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Kamalaa Haris fi Prezidaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhuu Hassan

Itti aantuun prezidaantii Yunaaytid Isteetis Kamalaa Haaris Taanzaaniyaa waliin tumsa jiru akka itti fufuu waadaa galanii jiru.Kanas kan dubbatan Afrikaa keessa prezidaantoota jiran keessaa dubartii kan ta’an tokkitti kan Taanzaaniyaa waliin yeroo wal arganti ture.

Haariis daawwannaa jalqabaa ardii Afrikaa keessatti gaggeessaniin, Kamisa kaleessaa biyya Afrikaa lammaffaa daawwataniin, Taanzaaniyaa kan seenan yoo ta’u, Pirezidaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluhu Hassan waliin wal argan.

Hassan, Bara 2021 yeroo pirezidaantichi du'an eega boqotanii booda aangoo kan qabatan yoo ta'u, imaammata prezidaantii duraanii kan hin jaallatamne kanneen akka shamarran ulfaa mana barumsaa akka hin deemne dhorkuu fi bilisummaan yaada ofii ibsachuu irratti daangaa kaa'uu hambiisan.

Yunaaytid Isteetis bara baajataa dhufu Taanzaaniyaaf deeggarsa biyyoota lamaan gidduu jiruun Taanzaaniyaaf Doolaara miiliyoona 500 fi Miliyoona 60 ni kennuuf jirti.

Haaris fi abbaan warraa isaanii Jimaata har’a Taanzaaniyaa irraa ka’anii gara Zaabiyaatti qajeeluun beekamee jira. Imala torban tokkoof turuu kana, biyya biraa dimokiraasii ishee cimsuuf carraaqaa jirtu Zaambiyaatti xumuruun, Wiixata gara Waashingitanitti deebi'uuf karoorfatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG