Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Amerikaa Duraanii Traamp Irratti Himannaan Yakkaa Dhiyaachuuf Jira


Prezidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Traamp

Yeroo lama aangoo irraa akka kaafaman himatamanii, murtiin balleessaa kan irratti hin muramiin Doonaald Tiraamp, yeroo ammaa pirezidaantii Yunaaytid Isteetis duraanii kan yeroo alqabaaf himannaa yakkaa isaan mudate ta’anii jiru.

Tarkaanfii seenaa Amerikaa keessatti kanaan dura hin argamneen, gareen murtii olaanaa Niiw Yoorkitti Kamisa darbe sagalee kenneen, Tiraamp himannaa duula filannoo pirezidaantummaa bara 2016 dubartii tokkoof maallaqa kaffaluun walqabatee himatee jira.

Himannaan baay’ee eegamaa ture kun kan dhiyaate, yeroo Tiraamp bara 2020tti irra deebiin filatamuuf dorgommii mo’amanii gara Waayit Haawusitti deebi’uu barbaadanitti yoo ta’u, kunis pirezidaantii ammaas ta’e kan duraanii akkasumas kaadhimamaa pirezidaantummaaf dorgoman kan himataman isa jalqabaa taasiseenii jira.

Himannaan kun ammallee aamsamee kan jiru yoo ta’u, Tiraamp yakka akkamii fi yakka meeqaan akka himataman ifa miti. CNN akka gabaasetti pirezidaantiin duraanii kun himannaa 30 ol himatamee jira. RSA gabaasa kana mirkaneessuu hin dandeenye.

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Manhattan Alvin Bragg abukaatoo Traamp qunnamuun, “himata Mana Murtii Olaanaa kan Waajjira konyaa Manhattan ti harka kennachuu Traamp akka qindeessuuf” isaa ibseera.

Abukaatoon Tiraamp Joo Taakopinaa, pirezidaantiin duraanii kun, jalqaba torbee dhufutti himatamuun isaanii hin oolu jedhan.

Himannaan kun Kibxata dhufuu akka danda’u miidiyaaleen oduu hedduun maddoota maqaan isaanii hin ibsamne wabeeffachuun gabaasanii jiru.

Traamp dabarsanii of kennuudhaaf, lafa jiraatan Filooriidaa jirraa namoota eegdoota nageenyaa waliin gara Niiw Yoorkitti imaluu qabu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG