Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochiin Dimokraatawaa Agaw Waldhabdee Mootummaa Waliin Qabu Karaa Nagaa Akka Hiikuuf Waamicha Dhiyeessinee Jirra: Mootummaa Naannoo Amaaraa


Hidhattoota Agaw kan naannoo Amaaraa
Hidhattoota Agaw kan naannoo Amaaraa

Hogganaan Biiroo Nagaa fi Nageenyaa kan bulchiinsa naannoo Amaaraa obbo Dessaaleeny Xaaseew Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka himanitti, hojiin jidduu seenummaa karaa maanguddootaa fi abbootii amantaatiin gaggeeffamaa tureera.

Gareen hidhatee kun irra caalaa naannoo Amaaraa goodiina Wag-Hemraa aanaa AbergelLee fi Tsagbijii keessatti socho’aa tureera. Hogganaan nageenyaa kun garuu hanga yeroo dhiyootti aanaaleen lamaan to'annoo Adda Bilissuummaa Uummata Tigraay jala akka turan cimsanii dubbatan.

Dubbi himaan garee hidhattootaa Baaye Baree tattaaffiin karaa nagaa eegaluu isaa mirkaneessaniiru.

Gama biraatiin ammoo hanga yeroo dhiyootti aanaa Abergelee fi Tsagbijii kan to’achaa turan loltoota isaanii akka ta’e RSAtti himaniiru Asteer Misgaanaaw gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG