Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayilaa Odiingaa Mormiin Har’af Karoorfamee Ture Haaqamuu Ibsan


Hoogganaa garee mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa
Hoogganaa garee mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa

Hogganaan paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa Wiixata har’af mormii mootummaa irratti gaggeeffamu yeroof addaan kutuu isaanii Dilbata kaleessaa ibsanii jiru. Sababaan isaas, iyyata preezdaantii Keniyaa Wiliyaam Ruutoo irraa dhiyaateen booda, marii dhaaf qophaa’aa waan jiraniif ta’uu ibsan.

Dilbata kaleessaa ganama Ruutoon Televiziyoona irratti kallattiin sabaaf haasaa dhageesisanii jiru. Kunis erga mormiin guutuu biyyattii qaala’insii jireenyaa olka’aa akkasumas, sirna dhabdummaa filannoo irratti raawwatame jedhame as Odiingaan ifatti haasawaa dhageesisuun kun isa jalqabaati. Hiriira mormii Bitooteessa 20 jalqabee fi Odingaan qindaa’e kana irratti uummanni kumaatamaan lakkaa’aman hirmaataniiru.

Preezidaant Ruutoon akka jedhanti, Biyya keenya keessatti hiriira mormitoonni siyaasaa waamamanitti fayyadamuun, gocha seera dhabdummaa hamaa, hokkara bal’aa, saamichaa fi weerara qabeenya dhuunfaa gaggeeffamuutu mudatee jira jedhan.

Haasaa isaanii kanaanis, Odingaan mormii Wiixata har’a gaggeeffamuuf beellamame akka haquuf iyyataniiru.

Mormiin kun erga jalqabee as namoonni sadii ajjeefamaniiru, namoonni 400 ol madaa’uu isaanii Ruutoon Dilbata kaleessaa ibsaniiru.

Mormitoonni caasaan filannoo akka haareeffamu dhiibaa kan turan yoo ta’u, Ruutoon haaromsi kun paartilee lamaanii komishinii filannoo keessaa jiraachuu akka danda’u dubbatan.

Odingaan gama isaaniin, mootummaan dhimmoota kana yoo hin furre mormiin deebi’ee akka eegalu akeekkachiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG