Manni murtii magaalaa Aljeers Dilbata kaleessaa gaazexeessaa beekamaa tokkoo irratti hidhaa waggaa shanii kan murteessee yoo ta’u kunis hojii irra oluu dura waggaa lamaaf akka turu murteesse.
Bara 2019 sochii mormii Aljeeriyaa Hirak kan dimokiraasii deggeru keessatti, akkaan kan socho’an Ihsane El-Kadi irratti murtiin dabree kun, biyya Aljeeriyaa keessatti sagalee mormii qaban irratti, tarkaanfii yeroo dhiyootti fudhatame ta’ee mul’atee jira.
Manni murtichaas gaazexeessaa kana adabuun gareen miidiyaa weebsaayitii fi buufata raadiyoo inni qabu akka diigamee akkasumas, qabeenyi isaa akka to’annaa jala ooluu ajajee jira.
Weebsaayitiin El-Kadi kan Maghreb Emerjent jedhamuu fi Raadiyoon weeb saayiitii irraa qabu, namoota hedduu biratti akka waltajjii falmii bilisaa miidiyaalee Aljeeriyaa keessatti taasifamuutti ilaalame.
Forum