Gareen hayyoota mirgaa kan Tokkummaan Mootummootaa Wiixata har’a, qondaaltota sadarkaa olaanaa hedduu kan Sudaan Kibbaa, kanneen qorannoo yakkaa fi himannaatu barbaachisa jedhan maqaa dha’anii jiru. Isaanis qooda isaanii hammeenya hamaa namoota nagaa irratti raawwatameen ta’uun ibsamee jira.
Hoggantoonni mootummaa fi waraanaa kan sadarkaa olaanaa gabaasa haaraa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Tokkummaan Mootummootaa Sudaan Kibbaaf baaseen adda baafamanii jiru. kunis ajjeechaa bal’aa, gudeeddii fi qunnamtii saalaaf jecha garbummaan nama to’achuu kan jedhuun, itti gaafatamummaa mootummaa lafa kaa’ee jira.
Komiishiinni kun, bulchiinsa naannoolee jaha kan Sudaan Kibbaa keessatti qorannoo waggaa tokkoof gaggeessaa ture, baatii Bitooteessa keessa maal irra akka ga’e cunfee gabaase.
Namoota gabaasa xumuraa keessatti maqaan isaanii dhahaamee keessaa tokkollee yakka rawwataniif itti gaafatamummaan tokkollee akka isaan hin mudanne ibseera.
Waggoota hedduu keessatti wanni nutii irra geenyee, yakka ciccimoo rawwataman irratti, adabbii malee hafuun hokkaraa fi gadadoo Sudaan Kibbaa keessatti lammiilee nagaa mudatuuf giddu galeessaa ta'uu isaa haala wal irraa hin cinne agarsiisaa jirra jedhan dura taa'aan komishinichaa Yaasmin Sooka.
Kanaaf jecha, tarkaanfii namoota dhuunfaa dhiittaa mirga namoomaa hamaa keessatti qooda qaban irratti qorannoo yakkaa fi himannaan barbaachisan waan ta’eef jecha, caalaatti maqaa dhahuu irratti hojjataa jirra jedhan.
Sudaan Kibbaa bara 2011 Sudaan irraa walabummaa kan argatte ta’uus, waggaa lama booda wal waraansa uummataa keessatti kuufte.
Bara 2018 waliigaltee nagaa osoo hin mallattaa’iin dura namoonni kuma 400tti dhihaatan du’aniiru garuu yaadonni ijoo waliigaltee kanaa ammallee kan hin raawwatamin jiran yoo ta’u, , biyyattiin hokkara hidhannootiin addaan ciccittee jirti.
Manni murtii Gamtaa Afrikaatiin durfamu yakkamtoota himachuu fi miidhamtoota yakka waraanaa haqaa kennuuf waadaa galee gonkumaa hojii irra hin oolchiine.
Forum