Dubbi himaan Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummootaaa Muummichaa, Isteefaan DuJaarik, deebii gargaarsa namoomaa ariifachisaa Itiyoophiyaa keessatti barbaachiisu ilaalchisee Gaazexessootaaf ibsa kennanii jiru.
Bitooteessa 31 jechuun Jimaata dabree Gaazexeessitootaaf Niiw Yoork keessatti ibsa kennan kanaan, Dujaariik akka jedhanitti, Itiyoophiyaa kaabaa dhaqqabuu kan ilaaleen foyya’iinsi argamee itti fufuu dubbatan.
Nutii, michoota keenya jaarmmayoota kan mootummaa hin ta’iin waliin ta’uun bulchiinsa naannoo Affaar, Amaaraa, fi Tigraay keessatti hojii keenya babal’isnee jirra jedhan.
Tigraay keessatti bara kana ummanni miiliyoona 4.7 ol deeggarsa nyaataa argataniiru. Bulchiinsa naannoo Affaarii fi Amaaraatti walakkeessa baatii Sadaasa bara darbee irraa eegalee namoonni miiliyoona 2.5 ol deeggarsa nyaataa argataniiru jedhan.
Kana malees jedhan, Mootummaa waliin ta’uun kibbaa fi bahaatti deebii gargaarsaa kennuu guddisaa kan jirru yoo ta’u, bakka kanattis namoonni naannoo gogiinsaan miidhaman gara miliyoona 11 ta’an deeggarsa nyaataa hatattamaan barbaadu jedhan.
Waahiloonni keenya gargaarsa namoomaa torban bulchiinsa naannoo Somaalee hanga tokko keessatti, lolaan bishaanii dhiirota, dubartootaa fi daa’imman 200 fi kuma 30,000tti dhihaatan irratti dhiibbaa akka geessise hubatanii jiru jedhan.
Gama biraatiin weerarri dhukkuuba koleeraa Oromiyaa fi naannoo Somaalee hanga tokko keessatti babal’achaa kan jiru yoo ta’u, namoonni 2,300 ol vaayirasichaan kan qabaman ta’u, fi kunis baatii Amajjii keessa namoota vaayirasichaan qabaman sana dachaa lama ta’u ibsan..
Namoonni 51 du'uu aanga'oonni himaniiru jedhan steefan Dujaarik.weerara kana ittisuuf maallaqnii akkaan barbaachisaa ta’u ibsanii kan gaafannee Biliyoona 4 keessaa Miliyoona 700 fi Miliyoona 27 qofa arganne.Kunis 100 keessaa harka 18 qofa jedhan.
Forum