Tokkummaa mootummootaatti komoshiiniin olaanaan dhimma baqattootaa bulchiinsaa Naanoo Gambeelaa keessatti tajaajila bishaan dhugaatii baqattootaa fi jiraattotaaf gargaaru diriirsuu isaa beeksisee jira.
Baqattoonni fi hawaasni baqattoota keessummeessan pirojektii bishaanii Itiyoophiyaa Gaambeellaatti hojjetame irraa fayyadamoo ta’u. Pirojektiin kun hawaasa keessa namoota kuma 220 ol ta’aniif bishaan qulqulluu kan dhiyeessu yoo ta’u, irra caalaan isaanii baqattoota yoo ta’an, walitti dhufeenya baqattootaa fi keessummeessitoota isaanii gidduu jiru cimsuuf kan akeekedha.
Forum