Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Lammii Ityoophiyaa Sa’udii Turan Keessa Marsaan Xumuraa Biyya Seenan


Ethiopian returnees from Saudi Arabia
Ethiopian returnees from Saudi Arabia

Sochiin baqatootaa lammilee Ityoophiyaa Sa’udi Arabiyaa irraa gara biyyati deebiisuu raawwachuu isaa ministeerri dhimma alla mootummaa ityoophiyaa beeksisee jira.

Sirna simannaa baqattootaa marsaa xumuuraatiin guyyaa kalessaa finfinee seenan irratti kan argaman De’etaan ministiraa ministeera dhimmaa alaa Ambaasader Bituukaan Ayyaanoo akka jedhanitti ,karaa ministeera dhimma alaa Ityoophiyaatin wagga tokko keessatti lammiilee biyyatti kuma 100 fi kuma 31 Sa’udi Arabiyaa irraa biyyatti deebi’aniiru.

Koreen biyyalessaa sochii godaantota biyyaatti deebisuu iffatii xumuruu isaa kan ibsan Ambaasader Birtuukaan sochiin wareen hafan deebisuu akkaataa ifaa hin taaneen akka itti fufu ibsaniiru.

Namoottan godaansaa irraa gara biyyatti deebi’a Sa’udi Arabiyaa keessatti rakkoo hamaa dabarsuu isaanii ibsanii ammas namoonni hedduun mana hidhaa keessatii rakkachaa waan jiranuuf mootummaan akka dhimmaa isaanii hordofuu gaafachii isaanii Gebremika’el Gebremedihiin gabaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG