Xurree ittiin seenan

Breaking News

Najeeriyaa Keessatti Hidhattoonni Bakka AfurItti Namoottan 12 Ajjeesan


Gareleen Islaamummaa Naayijeeriyaa ganda tokko haleeluu dhaan namoota 12 galaafatan
Gareleen Islaamummaa Naayijeeriyaa ganda tokko haleeluu dhaan namoota 12 galaafatan

Walakkeessaa fi Kibba- baha Najeeriyaa keessatti hidhatoonii bakka adda adaatii haleelaa raawataniin namoottan 12 ajjeesanii heduu immoo ukkaamsanii fudhachuu isaanii Poolisiin biyyatii beeksisee jira.

Wixataa kaleessaa kibba baha kutaa Adaamaawaa keessatti hidhatoonni eenyumaan isaanii addaan bahee hin beekamne ganda Daabnaa jedahmuu irratti dukaasaa banuudhaan namoottan sadii kan ajjeesan yemmuu ta’u, guyyaadhuma sana kutaa Koogii keessatti hidhattoonii dhukaasaa bannanii nama siyaasa naannoo tokko ajjeesanii wareen biroo immoo madeesanii jiru.

Guyyaa Dilbataa kutaa biyyaatti Beenuu Walakeesaa keessatti waldaa amantaa Kiristaanaa irratti dhukaasaa banameen , namoottan kadhanna irraa jiran kessaa tokko ajjeefamee namoonii sadii immoo butamanii fudhatamaniru.

Guyyaa Sambataa immoo bulchiinsaa Niijer walakeessaa jedhamee beekamu anaalee Maasheeguu fi Muniyaa jedhaman keessatti hidhatoonni dhukaasaa bananii namoottan Torba Ajeesaanii, 26 butanii fudhaachuu isaanii maddi oduu Ajaans Fraans Prees/AFP gabaasee jira.

Ajjeechaa kanaaf iffatti itti gaafatamumaa qaamnii fudhatee akka hin jiree kan ibsee gabaasinni AFP gareewwan Isilaamumaa Leelisan kan akka Bokkaa haraami fi wareen biroo ta’u akka danda’an eeree jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG