Xurree ittiin seenan

Breaking News

Donaald Traamp Abbaa Alangaa Himannaa Isaan Irratti Dhiheessan Qeeqan


Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp mana murtii Federaalaa Manhaatan Niiw Yoorkitti himannaa isaaniif dhiyaatan, Ebla 4, 2023.
Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp mana murtii Federaalaa Manhaatan Niiw Yoorkitti himannaa isaaniif dhiyaatan, Ebla 4, 2023.

Himannaa yakkaa irratti dhihaachuu isaatiin kan ke’ee guyyaa har’aa mana murtii aanaa Maanhaatenitti kan dhihaatan Prezidaantiin Yunaayitid Isteets duraanii Doonald Traamp abba alangaa anichaa fi hogganaa qoraannoo isaan irratti taasifamee qeeqanii jiru.

Doonaald Traamp borumtii mana murtiitti dhihaatanu wixata kaleessaa galgala toora midiyaa hawaasaa Truuz jedhamuu irratti yaadaa kennaniin, Abban alaangaa anaa maanhaten Alviin Braag kan himannaa 33 akka isaan irratii dhiheessan iffa taasisan karaa seeraan ala ta’een jedhanii Braag hojii isaanii ammuma gadi lakkisuu qabu jechuudhaan gaafataniiru. Yakkiin isaan raawwatanis akka hin jirree ibsaniiru.

Traamp Prezidaantii Yunaayitid Isteets duraanii isa jalqabaa ta’uudhaan yakkaan himatamanii, guyyaa har’aa mana murtitti kan dhihaatan yemuu ta’u, fuulaa abbootii seeraa duraati dhihaachuu isaaniitiin duraa akka seeraatti akka nama yakkaan himatamee tokkootti ashaaraa qubaa akka kennan gabaasameeraa.

Traamp himaannootaa isaanii irratti dhihaatan 30 oliin addabiin isaan eeggatuu maal akka ta’e addaan bahee hin beekamne. Garuu dhaddacha har’aa irratti Doonaald Traamp himaannaa irratti dhihaatee hundumaa akka aalan kan eegamuu ta’uun isaa gabaasameeraa.

Adeemsii mana murtichaa karaa midiyaatiin akka kalatiindhaan hin darbine abbaan murtii kaleessaa ajaja kan kennan yoo ta’u, dhimmaa kanaa walqabatee hiriiraa tasifamuu maluu irratti badiinsaa umamuuf akka obsa hin qabaannee bulchiinsi magaalaa Niwu yoork beeksisuun isaa gabaasameera.

Kantiibaan magaalaa Niwu yoork Eriik Addaams ibsaa midiyaaf kennan irratti ergaa deggertoota Traampiif dabarsaniin, “of eeggadhaa, magaallii Niyoork mana keenyaa,bakka arii keessan bakka isaa hin beekne itti agarsiifatanu miti” jedhaniiru. Gamoon Traamp magaalaa Niwu Yoorkitti argamus akka cufamu beekameera. Haalii eegumsaa nageenyaa naannoo mana murtichaa jirus jabaa akka ta’e beekameera.

Degertoonii Traap kutaa Filooriidaa jiran har’a ganamaa kaasanii bakkaa gabaa “Weest Paalm Biich” jedhamuutti argamuuf karaa buufata xiyyaaraa irratti hiriiraaf bahuun isaanii gabaasameera.

Abbaan alangaa Alviin Braag dhaddachaa booddee ibsaa kennu jedhamee eegamaa jira. Doonaald Traamp garuu erga mana isaanii Flooridaa jirutti deebi’anii booda Roobii borii ibsaa kennu jedhameera.

Traamp Yeroo amma umuriin isaanii wagga 76 yemuu ta’u flannoo Prezidaantumaa bara 2024 taasifamuu irrati hirmaachuudhaaf of qophesaa jiraachiun isaanii ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG