Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaald Tiraamp himannaa 34 isarratti baname hunda haaleera


Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp har’a Ebla 4, bara 2023 ennaa mana murtiitti dhiyaatan
Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraamp har’a Ebla 4, bara 2023 ennaa mana murtiitti dhiyaatan

Har’a Ebla 4 bara 2023 sa’a booda mana murtii Niw Yoorkitti aegamutti kan dhiyaatan prezidaatichi Yunaayitid Isateetis duraanii Doonaald Tiraamp himannaalee yakkaa irratti dhiyaate 34 akka hin raawwanne ibsanii, balleessa hin qabu jechuun himannaa sana haalanii jiran.

Tiraamp walitti dhufeenyi taphattuu fiilmii saalqunnamtii Stormii Daani’els jedhamtu waliin qaban akka ummataaf ifa hin baane dhorkuuf kaffaltii abukaatoo doolaara kuma 130 kaffaluun himatamanii mana murtiitti dhiyaatan.

Tiraamp Stoormii Daani'eels ''guyyaa tokko hariiroo quunnamtii saalaa raawwaneerra'' ka jechuun dubbatte haalaa turaniiru. Yeroo sanatti abukaatoo fi haala dhimmootii siyasaa mijeessaafii kan turan Maayikeel Koohen maallaqa kana Stormii Daanieelsiif kaffaluuf akka ba'ee fi maallaqni kun akka baasii dhimma seeraa Dhaabbata Tiraamp ta'ee galmaa'ee akka isaanitti deebi'e hin haalne.

Tiraamp galmee dhaabbata isaanii dhimma seeraa waggaa torbaa duraa akka ta'e falmaa turaniiru. Kan umuriin wagaa 76 Tiraamp, utuu prezidaantii hin ta’in dura kurna hedduuf abbaa qabeenyaa gamoo hedduu fi jireenya hawaasummaa oduu as gali hin jedhamneen guutameen maqaa beekamu kan qaban magaalaa keessa jiraatan Niw Yoork keessatti yeroo jalqabaaf himannaan yakkaa irratti dhiyaatee mana murtiitti dhiyaatan.

Mormitoonni Tiraamp fi deeggartoonni Tiraamp Mana Murtii Yakkaa Niiw Yoorki Manhattan keessatti wal dura dhaabbatu. Ebla 4, bara 2023
Mormitoonni Tiraamp fi deeggartoonni Tiraamp Mana Murtii Yakkaa Niiw Yoorki Manhattan keessatti wal dura dhaabbatu. Ebla 4, bara 2023

Tiraamp seenaa Yunaayitid Isteetis keessatti hogganaa jalqabaa galmeen yakkaan irratti baname ta’us, deeggarsa bal’aa miseensota Paartii Rippabilikaan irraa argateen filannoo pirezidaantummaa dhufuuf dorgomaa toora duraa irra jirani.

Pirezidaantiin duraanii kun abbaa murtii mana murtii olaanaa kutaa Niiw Yoork Juuwaan Merchaan fuulduratti himannaa isaanii kan dubbatan yoo ta’u, abbaan murtii kunis adeemsi kun miidiyaaf kallattiin akka hin tamsa’in dhorkaniiru, kanaaf miidiyaaleen oduu adeemsa kana kallattiin tamsaasuun hin danda’amne.

Tiraamp dhaddacha isaanii dura akkuma himatamaa yakkaa kamiiyyuu galma’anii ashaaraan isaanii qubaa fudhatamee ture. Angawoonni akka ibsanitti, harki isaanii kateenaa dhaan hidhamee kan hin seenneef pirezidaantii duraanii ta’uun isaanii yaada keessa galchuu dhaani. Suuraa himatamtootaa ka’an yoo ta’e hanga ammaatti hin beekamu.

Deeggartoonni Pirezidaantii duraanii kan Tiraamp Mana Murtii Yakkaa Manhaatanitti duratti walitti qabamaniiru.Ebla 4, 2023
Deeggartoonni Pirezidaantii duraanii kan Tiraamp Mana Murtii Yakkaa Manhaatanitti duratti walitti qabamaniiru.Ebla 4, 2023

Eegdonni nageenyaa baay’een naannoo mana murtii kanaa fi mana jireenyaa dhuunfaa pirezidaantii duraanii Manhattan, New York keessatti argamu Tiraamp Tawaar irraa kiiloo meetira hedduu fagaatee, Wixata kaleessaa erga Filooriidaa irraa dhufanii booda bakka isaan bulanitti bobbaafamanii turan. Traamp abukaatota isaanii waliin ennaa mar’atan fi miseensonni Tajaajila Nageenya Iccitii waliin har'a gamoo keessaa ba'anii attamiin mana murtii akka itti seenan qophaa'aa turan. Har'a namoonni hedduun walitti qabamuun preezdaantiin duraanii gamoo Tiraamp keessaa bahanii ennaa mana murtii seenan ilaalaa turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG