Pireziantiin Amerikaa duraanii kan yeroo jalqabaa himannaa yakkaatiin himataman Doonaald Tiraamp ammallee mormii dhageessisaa jiru. Tiraamp mana murtii magaalaa Niiw Yoorkitti dhiyaatanii sa’aatii muraasa booda haasaawaa dhageesiisan.
Himannaa yakkaa 34 kaffaltii maallaqa irraa madde abbootiin alangaa qaama karoora seeraan alaa kan filannoo pirezidaantii bara 2016 irratti dhiibbaa uumuuf qophaa’e keessaa tokko ta’uu himatanii,Kanaaf injiifate jedhu.
Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp deeggartoota hedduu gara bakka bashannana dhuunfaa isaanii Mar-a-Lago kan kutaa Filooriidaatti affeeramaniif haasawa taasisaniin, Ameerikaa keessatti wanti akkanaa ta’uu danda’a jedhee yaadee hin beeku jedhan.
"Yakki tokkittiin ani hojjedhe, sodaa tokko malee saba keenya warra balleessuuf barbaadan irraa, ittisuu koo qofa” jedhan
Tiraamp dhimmichi filannoo pirezidaantii bara 2024 gidduu seenuuf waajjira abbaa alangaa konyaa Manhattan akka dhiyeesse yaada qaban ibsan.
Sagaleen kennamee akka agarsiisutt,i Tiraamp dorgomtoota paartii Ripaablikaanootaa biroo ifatti labsamanii fi eegaman hunda caalaa dursaa jiru.Tiraamp yakka 34 galmee daldalaa sobaatiin himataman irratti yakka akka hin qabne himataniiru.
Himannaan Pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti kaleessa dhiyaate kun bakka mana murtiitti itti dhiyaatan magaalaa Niiw Yoork keessatti yaada namootaa addaan qoodee jira.
Forum