Lammiileen Senegaal kumaatamaan lakkaa’aman Kibxata kaleessaa jechuun Ebla 4 guyyaa walabummaa biyyattii kabajuuf daandii irratti ba’anii jiru. Kunis, waldhabdeen siyaasaa aanga’ootaa fi deeggartoota mormitootaa gidduutti walitti bu’iinsa hamaa erga uume torban tokko qofa booda, jaalala biyyaaf qaban agarsiisuudhaan ture.
Namoonni daandiiwwan magaalaa galma mootummaa biyyatti kan Daakaar irratti hiriiranii, agarsiisa waraanaa waggaa afur booda magaalattii keessatti gaggeeffamu ilaaluuf ture. Agarsiisii Kunis sabaa weerara dhukkuuba KOOVID-19n kan ka’e addaan cite ture.
"Har'a tokkummaa biyyoolessaa kabajna, dhugaa dubbachuuf walabummaa keenyas," jedhan jiraataan magaalaa Daakaar Ibraahimaa Ngom. Kanas kan jedhan, yeroo loltoonni harka rukutaa fi sirbaa akkasumas taankiin isaanii daandii giddu galeessaa keessaa darbaa jiruutti.
Itti dabaluudhaanis, "Senegaal biyya dimokiraatawaa dha, sirna dimokiraasii keessattis namoonni walii galan, kaan kan walii hin galles jiraachuu qabu," jechuun dubbatan. Humnoonni nageenyaa torbee darbe, deeggartoota hogganaa mormituu Ousmane Sonko kan himata maqaa balleessini mana murtiitiin adabbiin irratti murtaa'e waliin walitti bu'anii turan.
Forum