Miidiyaaleen oduuwwan Addunyaa badaa fudhachuun ceepha’uu irratti xiyyeeffatu. Haa ta’u malee Gaazexeessuummaan Furmaataa rakkoo qofaarratti hin xiyyeeffatu ,rakkoowwan sunis haala itti furaman mala barbaada.
Bara 2015 tti gaazexeessituun BRIE ZELTNER jedhamtu Ohaayoo Klivlaandleveland keessatti hiyyummaa daa’immanii irratti qorannoo gaggeessite ture. Yeroo sanatti magaalonni walakeessa lixa Ameerikaa hiyyummaa daa’immanii warra qabanidha. Akka bu’aa qoranichaattis duuti daa’immanii akka biyyaatti gidduugaleessaan guddaa akka ta’eefi keessattiyyuu daa’immaan warra gurraachootaa daa’imman warra adii caalaa harka laamaan akka du’anidha.
Forum